1000 all in one... · ministeera eegumsa fayyaatti hoogganaan garee sirna nyaataa obbo biraaraa...

146
1

Upload: others

Post on 06-Sep-2019

27 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Duraandurse sagantaa marii hawaasaa gabbataa isa jalqabaatti baga nagaan dhuftan. Ministeera Eegumsa Fayyaatti Hoogganaan garee sirna nyaataa obbo Biraaraa Mallasee haasaa isaan godhanirraa akka dhageessanitti qancaruun daa’immanii rakkoo guddaa biyya keenyaa ta’uusaa hubanneerra. Waa’ee kanarattis sagantaalee marii kudhan qopheessineerra. Sagantaalee marii kanneen keessattis sirna nyaataa haadhoolee fi daa’immanii Guyyoota 1000
Jalqabaa ilaalchisuun qabxiilee guguddoo ijoo ta’an baranna. Kaayyoon
barnoota marii kanaa beekumsaa fi ogummaa gahaa argattanii daa’iimmaan fayya- qabeeyyii fi qareessa ta’an guddistanii sadarkaa guddaarra akka geessiftan gochuu dha.
Egaa harri sagantaa keenya jalqabaa waan ta’eef, eega wal-ofbeeksifnee booda sagantaaleen marii kanatti aananii dhufan maal akkasaan fakkatanan gabaabseen isiniif ibsuu yaala.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Maqaan koo Abdiisaa jedhama. Maatii qotee bulaarraan dhaladhe. Ijjoollummaakootti abbaakoo oyiruu xiqqoo inni qaburratti qonnaan gargaaraan guddadhe. Egaa daa’imummaadhumarraa kaaseen hojii qonnaa jaalladha. Sanyii tokko facaasnee, biqilee yoo firiisaa nyaannu waa’een uumaa waaqaa baayyee na ajaa’ibsiisa.
(hafuura fudhata)
Eegan guddadhee boodas, fedhiin an waa’ee qonnaa beekkuuf qabu dabalaa waan deemeef ganda keenyatti leenjii ogeessota qonnaatiin kennamu hordofuudhaan waan baayyee barachuu danda’eera. Beekumsan argadheenis abbaankoo qonna boodatafaa keessaa bahee haala amayyaatiin akkamittiin akkanni oomisha caalmaa qabu argachuu danda’u, sanyii fi akaakuu midhaanii haala qilleensaa fi gosa biyyee lafasaatii wajjin deemu akkanni filatee facaasuu fi akaakuu midhaanii facaasuu wagga waggaan jijjiiruun omishtummaa oyiruusaati akkanni dabaluu gochuun gargaaruunii danda’eera. Abbaankoo bu’aa caalaa argachuusaatiin baayyee gammada ture. Yeroo sana turegaa kanan hojii qonnaa irratti bobba’uuf murteesse. Qotee bulaa moodeelii ykn akkayyaa waanan ta’eefis waggoottan soddoma darbaniif qotee bultoonni omisha caalmaa qabu akka argataniif gorsaa fi gargaaraa hojii qonnaa ani jaalladhu kana hojechaa tureera. Amma akka duriitti hojii qonnaa hojjechuubaadhuyyuu qotee bultoota gorsaan gargaaruukoo addaan hinkutne. Amma yeroo boqonnaa koo daa’imman ijoolleekootii wajjinan dabarsa. Haati manaan koo Dammituun garuu na hinteessiftu. Ati ammayyuu dargaggeessaa, hojjechuu dandeessaa naanjechaa jirti. Haati manaankoo Dammituun asi na bira jirti; isheenis amma isinitti of-beeksifti. Sagantaalee marii keenya hunda irratti aniif Dammituun walgalgaarree dabaree dabareedhaan marii hawaasichaa gegeessinaa jechuu dha.
4
Dubartii Qaxalee Dammituu (kolfaa): Dhugumakoon jedha; abbaa manaankoo yoo mana oole dafee na jalaa dullooma. Yeroonsaa hingeenye ammayyuu hojjechuu qaba.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa (kolfaa): Egaa gorsa ishee dhaga’uukootiin kunoo harra isinii wajjin marii kanarratti argameera. Tole, Dammituu koo, mee ammammoo isaanitti of-beeksisi.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Galatoomi Abdiisaa; Irra deebiin akkam ooltan? Abbaa manaankoo maqaakoo deddeebisee yeroo inni kaasu dhageessaniittu. Warra hindhageenyeefi Dammituun jedhama. Egaa essaa yoon jalqabe wayyaa? Matiikootiifi ani mucaa jalqabaasaaniiti. Obboloota lamaa fi obboleetti
tokkon qaban ture. Yeroo ijoollummaakootii gaafan yaadadhu, ani mucaa angafaa waanan ta’eef obboleessota koo fi obboleettii koo quxisuukoo ta’an ennaan kunuunsu nan yaadadha. Barumsa koo hordofuu fi qo’achuuf yeroon qabu bayyee xiqqoo ture jechuun ni dandaa’ama. Matiileen koo iyyeeyyiif kan barumsa hinqabne ta’aniyyuu akkan barumsakoo itti fufu najajjabeessu turan. Ijoollummaa gaarii akkuma jedhamu haadhakoo dalagaa mana keessaaatiin gargaaruunii fi quxxusuuwwankoo kunuunsuun yaadannoo ijoollummaa gammachuu guddaa naaf kennu. Egaa yeroodhuma sanaa ka’enigaa namoota gargaaruu fi kunuunsuun hojiikoo gara fuulduraa akkanni ta’u kanan barbaade. Barumsan baayyee hawwu narsummaa baradheen narsii ta’e. Xiqqoo turee ammo deessiftuun ta’e. Yeroon deessiftuu turetti hawaasicha keessa deemuun deessisaa waa’ee sirna nyaataa fayya-qabeessa ta’ee fi waa’ee qulqullinaa nan barsiisan ture. Yeroo barattoota turettis barumsa kennuuf gara gandoota badiyyaa ni deemna turre. Gidduudhaanan mee waan tokko isinitti hima. Waa’ee eegumsa fayyaa fi bu’aa harka dhiqachuun fayyaakenyaaf qabuu hojjettoota ekisteenshinii fayyaa barsiisuuf baadiyyaa keessa yeroo adeemnutti kanan akka tasaa abbaa ijoolleekootii Abdiisaa wajjin walbarre. Nan yaadadha barumsichatti baayyee gammaduusaarraa kan ka’e nuu wajjin bakkaa bakkatti socho’aa qotee bultoota barsiisa ture.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa (kolfaa): Sitti dhihaachuuf mala gaarii ta’uusaa waanan hubadheefani kanan isinii wajjin dhama’e.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Sii milkaa’eera (kolfaa) dhamaatiinkee gatii hin dhabne; haadha manaa amala-bareedduu ana fakkaattu argattetta. Waanhundaafuu dubbiin jalqabettan isin deebisa. Akkuman kanaan dura jedhe narsummaatiinis dessistummaatiinis yeroon turetti waan baayyee barachuu danda’eera. Wantoota barbaachissoo ani baradhe keessaa tokko barbaachisummaa sirna nyaataa haadhoolee fi daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaa ti. Matiin ani keessatti gudadhe keessatti warroonnikoo waa’ee wanta akkasii waan tokkoyuu hinbeekani. Anaaf abbaa manaankoo eega walfuunee fi mucaa keenya jalqabaa ergan ulfaa’ee booda, sirna nyaataa haadhoolee fi daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaatti fayyadamuu jalqabne. Fayyadamu jalqabne sababninan jedhuufii abbaa manaankoo ana deeggaruun, na wajjin mari’achuunii fi nakunuunsuun yeroo hunda narraa adda bahee kan hinbeekne waan ta’eefi. Galanni
5
1000 days
waaqaaf haa ta’u, daa’imman babbareedoo, ciccimoo, fayya-qabeeyyii fi sammuu qareessa (qareessa) qaban lama godhannee guddisuu dandeenyeera. Isheen tokko dooktara yoo taatu isheen kan biraan ammo barsiistuu Yuunivarsitii taateetti. Mucaan keenya jalqabaa waggaa tokkoo walakkaan dura akka akkoo fi akaakaa taanu nugooteetti. Quxxusuunshees amma ulfa. Egaa anaa fi abbaansaanii akkoo fi akaakaa waan taneef daa’imman keenyaaf gorsiif deeggarsi sirriin barbaachisaa ta’uusaa hubannee osoo isaanirraa adda hin ba’in hanga nuu dandaa’ametti gargaaraanii jirra. Akkuma sisin tilmaamuu dandeessan daa’imman keenya lachanuu karoora sirna nyaataa haadhoolee fi daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaa sirriitti hordofu.
Ani lubooma (soorama) ba’uukootiin dura narsii fi deessiftuu ta’ee waggootii dheeraanan tajaajile keessatti dubartootaa fi haadhoolii baayyee waa’ee karoora kanaa fi itti fayyadamasaa barsiiseera. Ta’uyyuu hawwiinkoo waltajjii bal’aa ta’erratti dubarootaa fi haadhoolee hedduuf barnootichi akk gahu ture. Kunoogaa harr’a waltajjii marii hawaasaa gabbatee irratti carraa dubartootaa fi haadhoolee hedduu barsiisuu argachuukootiin hawwiin koo naa guuteera. Anaaf abbaa manaankoos waltajjii kanaratti walii wajjin hirmaachuu keenyatti baayyee gammadeera. Muuxannoo yeroo dheeraa fi beekumsa abbaa manaankoo karaa qonnaatiin animmoo karaa fayyaatiin waan kuufanneef; akkasumas faayidaa sirna nyaataa haadhoolii fi daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaa waan beeknuuf; kanarra darbuunis warra ijoollee sadarkaa akkoo fi akaakaa ta’uu irra geenye waan taaneef, beekumsaa fi muuxannoo keenya isiniin qooduuf gahoo nu taassisa jedheen abdadha.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Galatoomi Dammituu! Ammagaa erga eenyummaa keenya bartanii, mee waa’ee maalummaa marii gabbataa hawaasaa Dammituun maqaa dhoofte kanaan isinitti hima. Marii gabbattaan hawaasaa mala barsiisuu haaraa yoo ta’u, waltajjii nuti waan baayyee irratti barannuuf yaadaa irratti waljijjiirru. Marii hawaasaa hanga ammaatti isin beektan baayyee irraa tuqaallee armaan gadii kanaan adda baha:-
• Lakkoofsi namoota hirmaatanii 15 hanga 20 hin caalu.
• Hirmaattoonni garee sadiitti qoodamu; gareen sadan kunis qoba qobaatti yaa’u
1. Garee dubartoota ulfaa fi haadhoolii harma hoossisanii
2. Garee abbaa manootaa fi abbootii: jechuunis abbaa manootaa dubartoota ulfaa fi haadhoolii harma hoossisanii fi abbootii daa’imman waggaa lamaa gadii
3. Garee akkoowwanii: jechuunis haadhoolii dubartoota ulfaa fi harma hoossisanii ykn haadhoolii abbaa manootasaanii fi akkoowwan daa’imman waggaa lamaa ga- dii
• Tokkoon tokkoon gareewwan kanaa keessa namoonni jiran karaa baayyeetiin waan walfakkaataniif walgargaaruu fi yaadootasaanii bilisummaan waljijjiiruu danda’u
• Waltajjii kanarrattii mariiwwan, faaruulee, taphoota, baacoolee fi seenaawwan qalbi namaa hawwatan baayyeetu jiraata.
6
1000 days
• Sagantaalee marii hawaasaa gabbate kudhan kana keessatti daa’imman keenya fayya qabeeyyii, qaamaan cimoo fi sammuun qareessa ta’anii akkaataa isaan ittiin guddachuu dandaa’an baranna.
Yeroo marii kana keessatti dhimmoota baayyee irratti mari’annutu jira. Kan bashannanaa ittiin barannu waan ta’eefis baacoolee fi seenaalee nu bashaassisan ni dhageenya; taphoota barsiisoo ta’an ni taphanna; sirbootaaf faaruulee waa’ee sirna nyaataa ni dhageeffanna; barnoota dandeettii dubbachuu fi yaada keenya ibsuu keenya guddisan bifa taphaatiin arganna; akkasumas yeroon marii kun yeroo barnootaa gammachiisaa meeshaalee deeggaroo nuu kennaman gara mana keenyaatti geessuun maatiilee keenyaa wajjin yaadaaf odeeffannoo ittin waljijjiirru ta’a.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Turtii waliin qabaannutti sagaleekoo ykn sagalee haadha manaakoo dubartii qaxalee Dammituu yeroo tokko tokko, sagalee mari’achiisaa qaamaan isan bira jiruu ammoo yeroo biraa ni dhegeessuu. Gidduu gidduuttii hojiileen ykn gilgaaloonni garee fi mariileen yeroo jiraatanitti, mari’achiisaan qamaan isin bira jiru teeppii cufee isin hojjechiisa. Mar’achiisaan kun akkatti isin hojjettan isinitti agarsiisuun isin gargaara. Korree ykn bilbila/qaacila kana yoo dhageessanii (sagalee korreetu dhagaa’ama) yeroon teeppiin itti cufamu ga’eeraa jechuudha. Yeroo gilgaalli ykn mariin raawwatu mari’achiisaan isin bira jiru teeppii deebisee bana; anis isiniin mari’achuukoon itti fufa.
Mee altokko haa yaallu! Yeroo sagalee korree ykn bilbilaa dhageessanitti, mari’achiisa maaloo teepicha cufi. Amma namoonni argamtan hundi mari’achiisaa irraa eegaluun maqaa keessan caqasuun wal of beeksisaa. Wal of beeksisuu keessan gaafa fixxanitti, mari’achiisa maaloo teepicha deebisii bani.
Sagalee Korree/bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga nagaan deebitan! Amma hundikeenya waan sirriitti walbarre
natti fakkaata. Guyyoonni 1000 Jalqabaa hangam murteessoo akkasaan ta’an deebisee isin yaadachiisuun barbaada. Guyyoota 1000 Jalqabaa yoo jennu dubartiin tokko yeroo ulfooftee kaasee hanga daa’imni ishee dhalatee waggaa lama guututtii yeroo jiru jechuu keenya.Guuyyoota 1000 Jalqabaa kana keessatti dubartoonni ulfaa fi harma hoossisan akaakuulee nyaataa adda addaa barbaachisoo fi madaallaman yoo sooratan, daa’imman hanga ji’a 6tti harma haadaa duwwaa yoo hodhanii, fi daa’imman ji’a 6 hanga waggaa lamaatti jiran harma haadhaatiin dabalataan nyaatoota madaallaman adda addaa yoo sooratan daa’imman ciccimoo, fayya-qabeeyyii fi qareessa ta’an horachuun ni dandaa’ama. Guyyoota 1000 Jalqabaa kana kan adda taassisu yeroo daa’imman itti ariitiin itti guddataniif ittiin bocaman ta’uusaa ti. Kanaafuu yeroon kun guddina daa’imman keenyaaf bu’uura gaarii tolchuu fi jalqaba jireenyaa kennuufiif yeroo carraa guddaa nuu laatu.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Dammituu, mee sagantaalee marii kurnan qabnu keessatti mata dureewwan kamfaa akka ilaallu nutti himi.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Tole, egaa sagantaa marii jalqabaa keenya harr’aa kana keessatti
7
1000 days
waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaarratti hubannoo waliigalaa kan irraa argannu ta’a. Sagantaalee marii lammaffaa hanga sagalaffaatti jiran keessati Guuyyoota 1000 Jalqabaa keessatti maatiin daa’ima cimaa, fayya- qabeessaa fi sammuu qareessa qabu akka qabaatuuf wantoota gochuun irra jiru sadarkaa sadarkaadhaan ball’inaan tarreessinee gadi-fageenyaan irratti mari’anna. Sagantaan marii kurnaffaa fi inni dhumaa waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa walumaagalatti qabxiilee ijoo baranne kanitti irradeebinuu fi carra barumsa kanaa warra hin argatin hafaniif waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa beekumsaa fi ogummaa argannee kan ittiin qoodnu ta’aa jechuu dha. Guyyootni 1000 Jalqabaa sadarkaalee afur qaba: inni jalqabaa yeroo daa’imichi gadameessa keessatti uumamerraa hanga dhalatutti; inni lamaffaa yeroo dhalaterraa ka’ee hanga ji’a 6 guututti; inni sadaffaa ji’a 6 irraa ka’ee hanga ji’a 12 guututti; sadarkaa inni dhumaa fi afuraffaa ji’a 12 irraa hanga ji’a 24tti yeroo
jiru.
Abdiisaa, egaa muuxannoo qonnaa qabdurraa kaatee faayidaa sirna nyaataa haadhoolii fi daa’immanii Guyyoota 1000 Jalqabaa maatiilee qonnaan bultootaaf fakkeenya isaaniif galuu danda’uun nu ibsuu dandeessaa?
Ibsa Gabaabaa Yaadundeewwanii Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Tole. Yeroo waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa walitti dubbannu
sadarkaalee guddinaa daa’immanii afur armaan oliti eeraman sadarkaalee guddina suufii wajjin walbira qabnee yoo ilaallee hubannoof nu gargaara jedheen yaada. Sadarkaalee kanas sadarkaa guddinaa Abaaboo Suufii jennee waamu dandeenya.
Mari’achiisa, mee maaloo mariif akka gargaaruuf fakkii sadarkaa guddinaa Abaaboo Suufii fuula filippichaartii irraa itti agarsiisaa.
Akkuma argitan sadarkaa guddinaa jalqabaa SANYII jechuun waamna. Yeroon kun daa’imni yeroo uumamee jalqabee hanga dhalatutti yeroon inni gadameessa haadhasaa keessa turu. Sanyii tokko yeroo lafa keessa dhaabnu, hangam biyyee fi sanyichaaf kunuunsa gochuu akka qabnu hundi keenya sirriitti beekna. Akkuma sana haatni ulfaas yeroo ulfummaaseetti nyaatni madaallamaan isheen nyaattu iseefis ta’e daa’imaseetiif baayyee faayida- qabeessa. Dabalataanis haadhonni ulfaa cimoo fi fayya-qabbeeyyii akka ta’aniif rafuusaaniitiin dura qoricha Aayiranii liqimsuu qabu; kuni daa’imichas ni gargaara.
SFX: JINGLE Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Sadarkaa guddinaa isa lmmaffaammoo BIQILTUU jennee waamna.
Sadarkaan guddinaa kun daa’imni tokko dhalatee hanga ji’a ja’a guututti yeroo jiru. Eeegaa akkumasin beektan qotee bulaan tanee sanyii nuti facaasne yeroo lafa keessa baatee guddachuu jalqabdu, abdiin keenyas wajjiiniin guddachuu jalqaba. Kunuunsinee eeguudhaan gaarii taatee akka guddattuuf waanta dangeenya hunda goona. Akkuma BIQILTUU sanyii guddisnuu daa’imman umurii jenne keessatti argaman yeroo
8
1000 days
dhalatanii kaasanii hanga ji’a j’aatti harma haadhaaarraa qofa nyaatasaanii argachuu qabu. Kana jechuunis nyaatni dabalataa akkamiiyyuu bishaanille yoo ta’eyyuu tasumaa kennamuufii hin qabuu jechuudha.
SFX: JINGLE Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Sadarkaa guddinaa isa sadaffaammoo KICHUU/QUXA jenne
waamna. Sadarkaan KICHUU kun umurii daa’ima tokkoo ji’aa ja’aa kaasee hanga waggaa tookkootti jiru of keessatti qabata. Yeroon kun yeroo warri daa’imaa daa’imasaanii irratti jijjiirama guddaa argani. Sadarkaa KICHUUrratti daa’imman dammaqoo ta’anii of danda’anii taa’uu fi daa’imuu kan ittiin jalqabaniif waanti hundi haaraa waan itti ta’uuf wanta argan hunda harkaan qabuun gara afaansaaniitti geessani. Kanumaaf jecha naannoonsaanii qulqullinnisaa kan eegame ta’uu qaba; bishaan isaan dhuganis bishaan danfee qabbanaa’e ykn qulqullaa’e ta’uu qaba. Daa’imman KICHUU, ykn ji’a ja’a guutan, harma haadhasaaniitti dabalataan marqaa furdaa lallaafaa, sooratoota salphoo daakamanii fi bullaa’anii qophaa’an nyaachuu jalqabuu qabu.Yeroon kun, qaamasaaniitiifis ta’ee sammuusaaniitiif nyaatni dabalataa humna kennuufii pirootiiniin isaan gabbisu yeroo baayyee isaan itti barbaachisu.
SFX: JINGLE Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Sadarkaa guddinaa isa afuraffaammoo ABAABOO jennee waamna.
Sadarkaan guddinaa kun umurii daa’imaa waggaa tookkoo hanga waggaa lamaatti jiru. Daa’imman umurii ABAABOO irratti argaman nyaata baayyinaan isa kanaan duraa caaluu fi ituu hinbullaa’in hanga tokko duwwaa mummuramee qophaa’ee nyaachuu ni danda’u. Harma haadhaaa xuuxuu garuu dhaabuu hinqabani. Naannoonsaanii qulqulluufii bishaan isaan dhuganis kan danfe ykn qulqullaa’e ta’uu qaba.
Amma immoo sadarkaa guddina daa’imaa Abaaboo Suufiitti fakkeessine akka caalaatti hubannuuf sadarkaalee guddina abaaboo suufii arfanitti fayyadamuun tapha barumsa nuu kennu tokko taphanna. Taphicha ani nanjalqaba. Maqaankoo Abdiisaaa dha. Ani akaakaa SANYII ti. Waantin ani kana jedhuuf mucaankoo tokko sanyii gadameessashee keessaa qabdi waan ta’eefi. Itti dabalataanis ani akaakaa ABAABOO ti: jechuunkoo mucaankoo isheen biraan haadha daa’ima waggaa tokko walakkaati. Isinii galee? Mee isinimmo yaalaa.
Mari’achiisa, mee teepicha cufiitii hirmaattoonni hundi akkasaan ofbeeksisan taassisi. Egaa gaafa of beekjsistan maqaa keessan dubbadhaatii warra, akkoo fi akaakaa SANYII, BIQILTUU, KICHUU fi ABAABOO ta’uu keessan beeksisaa. Fakkeenyaaf:- maqaankoo Lalisee dha haadha Biqiltuu ti. (Kana jechuun Laliseen mucaa ji’a ja’a hinguunne qabdii jechuudha). Mee fakkeenya kanatti gargaaramaatii itti fufaa. Ofbeeksisuu keessan gaafa xumurtanitti mari’achiisa maaloo teepicha deebisii bani.
Sagalee Korree/Bilbilaa Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Baga nagaan deebitan! Sadarkaa guddinaa suufii arfanitti
fayyadamuun of beeksiftaniittu jedheen abdadha. SANYII, BIQILTUU, KICHUUnii fi ABAABOOn guddina daa’immaa Guyyaa 1000 Jalqabaa keessatti sadarkaalee
9
1000 days
guddinaa murteessoo mul’atani. Sanyii facaasne guyyaa facaasnee kaanee kunuunsuu fi guddisuun akkuma nurra jiru hunda, daa’imman keenyas guyyaasaan gadameessa haadha saanii keessatti uumamanii jalqabnee kunuunsuu fi guddisuutu nurra jira. Guyyootni 1000 Jalqabaa guyyoolee addaati, maaliif yoo jedhame qaamaaf sammuun daa’immanii yeroo inni itti ariitiidhaan guddatu waan ta’aniifi. Kanaafuu yeroo kana keessatti dubartii ulfaa fi haadha harma hoossiftu nyaata madaallamaa yoo nyaachisne daa’imman keenya cimoo, fayyaa-qabeeyyii fi qareessa akka ta’an gochuurra dabarree yeroo nama guddaa ykn gaheessa ta’anitti jireenya milkaa’aa akkasaan qabaataniif gargaarraa jechuu dha.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Galatoomi Abdiisaa. Qootee bulaa waan taateef sadarkaa guddinaa ABAABOO SUUFIITIIN nuuf ibsuunkee nama gammachiisa. Mee ammammoo waanta xiqqoo adda ta’e tokko haa yaallu. Akkam ta’uyyuugaa namni muuziqaa hinjaallanne nu keessa hinjiru; mitii? Mee faaruu waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa hanga ammaatti irratti mari’achaa turree weeddisu kana sirriitti dhaggeefadhaa; wajjiniin faarsuunis ni dandaa’ama.
SFX: Faaruun nyaata maddaalamee Guyyoota 1000 Jalqabaa ni dhagaa’ama Dubartii Qaxalee Dammituu: (Faaruchaa wajjin weeddisaa) Faarsichi namatti hin toluu?
Ani jaalladheera; isinoo? Ergaasaa dhageessaniittuu jedheen abdadha. Mee faaruu kanarratti yaada waljijjiiraa. Teepichi cufamuusaatiin dura gaaffiileen irratti mari’attan kan armaan gadii ti:
1. Faarucharraa maal hubattani? Sirbichi ergaalee akkamii ofkeessaa qaba?
2. Faarucharraa maalsaa (maloo isaa) baayyee jaallattani?
3. Faaru kana matii keessan barsiisuu waandandeessan isinitti fakkaataa?
Gaaffiiwwan kuni ifa mitii? Mari’achiisa, teeppicha cufiitii waa’ee Faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa irratti akkasaan mari’atan gargaari. Yeroo xumurtan, mari’achiisa teepicha deebisii bani.
SFX:-Sagalee Korree/Bilbilaa Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Baga nagaan deebitan! Ergaa sirbichaarratti gaaritti mar’iattan
mitii? Faaruchi akkuma hordaftanitti daa’imni tokko sadarkaa SANYII jennee waamnurraa ka’ee hangaa sadarkaa ABAABOO irra gahee waggaa lama guutuutti, daandii jireenyaa inni qabaatu kan gaariitti ibsu. Mee ergaa faaruchaa gabaabinaan haa ilaallu.
• Daandiin jireenyaa addaa kun kan jalqabu haatni sirriitti soorattee cimtuu taate SANYIIn cimaa fi fayya-qabeessa ta’e gadameessasee keessatti erga uumamee kaasee ji’a sagaliin booda yeroo inni itti dhalatus ni dabalata. Mucaa dhalates BIQILTUU jennee waamna.
• Daa’imni BIQILTUUn yeroo dhalatee ka’ee ji’oota ja’a itti aananiif aannan harma haadhaa qofaa yeroo inni itti sooratu yoo ta’u, nyaata dabalataas ta’e
10
dhangalaa’aa ykn bishaan kennuufiin dhorkaa dha.
• Ji’a ja’a booda sadarkaa KICHUU jedhamutu eegala. Yeroo kanattis harma haadhaatti dablataan marqaa furdaa fi nyaatoota madaallamanii daakamanii qophaa’an jalqabuu qaba.
• Daa’imichi waggaa tokko guutee hanga waggaa lama ta’utti yeroon jiru yeroo ABAABOO ta’aa jechuudha. Yeroo kanatti harma haadhaatti dabalataan nyaatoota madaallamoo dabalataa fudhachuusaa itti fufuu qaba.
Carraa ijoollee daa’imman keenyaa gara fuulduraa gaarii waan godhu isinitti hin fakkaatuu? Daandii jireenyaa bareedaa dha. Faaruun nuti dhageenye kun daa’imman carraa kana hinargatne maal akka irra gahuu danda’u nuuf ibseera. Sababnisaas nyaata madaallamaa isaan gabbisu hinargatan taanaan daa’imman cimoo, fayya-qabeeyyii fi sammuusaaniitiin qareessa ta’uu hin dandaa’ani; galagalchii isaa dadhaboo, jununaa’oo, jufunfulaa fi barumsi salphaatti kan hingalleef ta’u. Guddataniis carraan isaan umurii gaheessumaasaanitti jireenya milkaa’ee fi gammachuun guutame qabaachuu ittiin dandaa’an bayye xiqqaa dha.
Kuni akka hintaane garuu gochuun ni dandaa’ama. Waanti nama gammachiisu maatiin kamiyyuu daa’ima isaatiif carraa gaarii kana uumuu danda’uusaa ti. Eeega dhalatee boodayyuu barfannee yoo jalqabnes daa’imichi waggaa lama hanga guututti carraa akka inni cimaa, fayya qabeessaa fi sammuusaatiin qareessa ta’u ittiin gochuu dandeenyu qabna. Guyyoota 1000 Jalqabaa keessaatti daa’imman keenya nyaata madaallamaa nyaachisuun jireenyi isaanii gara fuulduraa gaarii akkanni ta’uuf gochuu dandeenya. Iyyeessas ta’u sooressa, magaalaa keessas jiraatu baadiyaa keessa, maatiin kamiyyuu kana gochuudhaan daa’imasaatiif bu’uura gaarii guddinaa gaarii uumuufii danda’a.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Baayyee gaarii! Faaruu gaarii dha. Ergaalee ijoo kana hunda nubarsiiseera. Yeroo biraa faarucha deebifnee dhaggeeffanna. Sagantaalee marii keenyaa gara fuulduraatti dhufan keessatti waa’ee sirna nyaataa Guyyoota 1000 Jalqabaa irratti qabxiilee heduu baranna. Sila Abdiisaaan qotee bulaa akkayyaa (moodeelii) yeroo dheeraa waan ta’eef beekumsaa fi muuxannoo qabu nuunqoodeera. Anis waggoota baayyeetiif narsii fi hojjettuu fayyaa waanan ta’eef muuxxaanoo fi beekumsan qabu isiniin qooduun barbaada.
Mee waa’ee gemmoo/sunsumaa waan tokko tokkon isinitti hima. Hundi keenya gemmoon maal akka ta’e beekna. Gemmoon/sunsumni yeroo dheeraaf kushinaa ykn alwaadaa fi mana keenya keessa kan jiraateef guyya guyyaan kan itti fayyadamnu yoo ta’u, fakkeenya maatiiti jedhamee amanama. Akkuma beekamu namni tokko gemmoo/ sunsuma sadii hundeeffate jechuun haadhamanaa fuudhe ykn maatii hundeefatee jechuu dha. Yeroon Abdiisaaatti heerumetti mana hundeeffachuukoo ilaalchisuun haatikoo geemmoo ykn sunsuma koo jalqabaa naa kenniteetti. Kanaan alattigaa jecha- jechaan yoo hiikame gemmoo/sunsuma jechuun distii ittoo ittiin tolchinu ykn eelee buddeenaa deeggaree kan baatuuf dhagaalee guguddoo sadii ykn suphee babattee sadii irraa kan hojjetamuudha.
Eelichi madaalasaa eegee akka taa’uuf sunsumoonni sadan baayyee barbaachisoo
11
1000 days
dha. Sunsumni tokko yoo gidduudhaa bahe, eelichi sirriitti taa’uu hin danda’u. Eelichi akka sirriitti taa’uu fi buddeenichi akka tolchamuuf, sunsumoonni/gomjiileen sadanuu sirraa’anii fi hojjaadhaan walgitanii taa’uutu irra jira. Waa’ee sirna nyaataa madaallamee Guyyoota 1000 Jalqabaa yeroo mari’annutti yaadasunsumaa kanarraa tuqaalee barbaachisoo baayyee baranna.
Mari’achiisa, mee maaloo fakkii Sunsuma sirna nyaataa haadholee yeroon yaadasaa ibsutti garichatti agarsiisi. Mee Eelee buddeenaa sanarraan jalqaba.
• Eelichi nyaatoota yeroo hundaa akka fakkeenyaatti bakka bu’a.
Nyaatoota yeroo hundaa kan jedhaman nyaatoota guyya guyyaan irra deddeebiin nyaannu yoo ta’an buddeen, qixxaa, shiroo, xaafii, qamadii, garbuu, warqii ykn qooccoo, baaqelaa, shumburaa, atarii, missira, boqqolloo fi bisingaa kan fakkaataniif haala adda addaatiin qopheessinee kan soorannu dha.
• Eelee buddeenichaa jela maal akka jiru qalbeeffatanii?
Gomjiileen/sunsumoonni sadan eelicha deeggaranii baataniiru. Gemmooleen sadan kun nyaatoota ijoo nyaata yeroo hundaa irratti dabalamanii fi haadhaaf daa’ima Abdiisaan bakka bu’u. Nyaatoota ijoo kana nyaatoota URJII jennee waamna.
Sirna nyaataa haadhoolii:-
• Sunsuma Diimaa: Sunsumni kun nyaatoota abbaa URJII sadii ta’an bakka bu’a. Kunneenis akaakuulee nyaataa bu’aa neefkaalee ykn bineensotaa irraa argannu: jechuunis hanqaaquu ykn buphaa, aannan, foon, lukkuu, qimixxoo/saqanaa, itittuu fi qurxummii faa kan fakkaatani. Haadholiin ulfaa fi harma hoossisan nyaatoota abbaa urjii sadii ta’an kana yoo xiqqaate guyyaatti altokko nyaachuu qabu.
• Sunsuma Magariisaa: Nyaatoota abbaa URJII lamaa ta’an bakka bu’a.
Kunneenis baaloota magariisaa fi nyaatoota kuduraa jechuunis raafuu, qoosxaa, buqqee, kaaroota, baandee ykn maxaaxisha, timaatimii, kaaboolii (rafuu maramaa faranjii) fi kkf dha. Kuduraaleen kun kan garaa gara ta’anii fi qabiyyeewwan qaama Abdiisaan, albuudootaa fi vaayitaaminoota fayyaa eeganii fi, qabiyeewwan humna kennan kan qabanii dha. Haadhonni ulfaa fi harma hoossisan yoo xiqqaate guyyaatti altokko nyaata URJII lamaa nyaatasaanitti dabalanii nyaachuu qabu.
• Sunsuma Keelloo: Sunsumni kun irra deebi’iin nyaatoota URJII lamaa bakka bu’a. Kanneen inni bakka bu’uus fuduraalee, jechuunis burtukaana, paappayyaa, abukaadoo, maangoo, poomii, anaanaasii, muuzii fi kkf dha. Haadhonni ulfaa fi harma hoossisan nyaata guyya guyyaan nyaatan irratti dabaluun yoo xiqqaate fuduraa abbaa URJII lamaa tokko nyaachuu qabu.
Mari’achiisa mee maaloo filippichaarticharraa sunsumaalee sirna nyaata daa’immanii garichatti agarsiisaa.
Sirna nyaataa Daa’immanii:-
• Sunsuma Diimaa: Akkuma kanaan duraa sunsumni kun nyaatoota abbaa Urjii Saddii ta’an bakka bu’a. Kunneenis akaakuulee nyaataa bu’aa neefkaalee ykn bineensotaa irraa argannu, jechuunis: hanqaaquu ykn buphaa, aannan, foon,
12
1000 days
lukkuu, qimixxoo/saqanaa, itittuu fi qurxummii faa kan fakkaatani. Umurii Ji’a ja’arraa kaasee hanga waggaa lamaatti jiru keessa daa’imman jiran guddina sirrii qabaachuuf yoo xiqaate guyyaatti nyaata abbaa URJII sadii tokko nyaachuutu irra jira.
• Sunsuma Magariisaa: Sunsumni kun nyaatoota abbaa URJII lamaa ta’an bakka bu’a: jechuunis kuduraalee fi fuduraalee dha. Kuduraalee jechuun baaloota magariisaa fi nyaatoota kuduraa kan akka raafuu,
qoosxaa, buqqee, kaaroota, baandee ykn maxaaxisha, timaatimii, kaaboolii fi kkf dha. Kuduraaleen kun kan garaa gara ta’anii fi qabiyyeewwan qaama Abdiisaan, albuudootaa fi vaayitaaminoota fayyaa eeganii fi, qabiyeewwan humna kennan kan ofkeessaa qabani. Itti dabalataan sirni nyaataa daa’immanii fudulaalee akka burtukaana, paappayyaa, abukaadoo, maangoo, poomii, anaanaasii, muuzii fi kkf of keessatti qabaata. Daa’imman umuriinsaanii ji’a j’aa hanga waggaa lamaa ta’e yoo xiqqaate nyaata kuduraa fi fuduraa abbaa URJII lamaa tokko guyya guyyaan nyaachuu qabu. Kana hingodhan taanaan hir’ina vaayitaaminaatu daa’imman irratti uumama.
• Sunsuma Keelloo: Sunsumni kun nyaatoota abbaa URJII tokkoo ta’an bakka bu’a. Isaanis nyaatoota coomaaf zayitaa ti. Kunneenis dhadhaa, zayitoota suufii, nuugii, talbaa, saliixii fi zayitoota kuduraa kan biroo dha. Nyaatoota coomaa fi zayitaa kana nyaata daa’immaniitti maknee yeroo bilcheessinuuf, nyaatichi humna dabalataa akkasaaniif kennu taassisa. Garaan daa’immanii xinnoo fi dhiphaa waan ta’eefis coomaaf zayitoonni nyaatasaanii lallaafsuuf mi’eessuuf, akkasumas salphaatti akka daakamuuf taassisuuf ni fayyadu. Daa’iimman umurii ji’a ja’aa hanga waggaa lamaa qabaniif oggaa nyaata qopheessinu, akaakuu nyaatoota Urjii tokkoo kanarraa hanga ga’a ta’e shalagnee itti dabaluutu nurra jira.
Nyaata maddaallame yoo jennu akaakuulee nyaataa amma maqaa dhoofne hunda jechuu keenya. Akaakuulee nyaataa kana nyaatoota URJII jechuudhaan waamna. Nyaatoota URJII kana nyaata guyya guyyaatti dabaluun nyaachuun baayyee faayda- qabeessa ta’usaa irraanfachuun nurra hinjiru.
Guddisuu fi Biqilchuu Dubartii Qaxalee Dammituu: Egaa nyaatoota URJII sirriitti beekneerraa jechuu dha. Kanaafuu
haadhooliin ulfaa fi harma hoossisan, akkasumas daa’imman umurii ji’a ja’aa hanga waggaa lamaa keessa jiran nyaatoota Urjii nyaata guyyaa guyyaasaaniitti makuun ykn giddu gidduudhaan akka cireetti yeroo hundaa akka isaan nyaatan gochuu qabna. Kana garuu akkamitti gochuu dandeenyaa? Mee Abdiisaa deebii gaaffii kanaa nuuf ibsi.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Deebiinsaa salphaa dha. Bayyeen keenya qotee bultoota waan taaneef nyaatoota kana biqilchuu fi horsiisuudhaan salphaatti argachuu dandeenya. Mee isin gidduudhaa meeqan keessantu nyaatooto URJII horsiisaa fi biqilchaa jirtu? Mee harka keessan kaasaatii nutti himaa. Mari’achiisa, mee maaloo akkasaan yaadasaanii ibsaniif mari’atan gargaariin. Marii keessan ennaa fixxan teeppicha deebisii bani .
13
SFX: Sagalee Korree/bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga nagaan deebitan! Egaa hundi keessan nyaatoota URJII maatii
keessaniif ni horsiistu ykn oomishtu jedheen abdadha. Ogeessi qonnaa akkayyaan (moodeeliin), Abdiisaaan, nu gidduutti waan argamuuf nyaatoota URJII akkamitti akka horsiisnuu fi oomishnu nu gorsuu danda’a. Abdiisaa, dhimma kanarratti wanti ati xinnoo nuuf ibsitu jiraa laata.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Jira malee. Kunihoo oggummaanan ilkaan itti buqqifadhe. Akkuma beektan nuyi qotee bultoonni akkayyaa fi hojjettoonni ekisteenshinii qonnaa qonna ilaalchisuun muuxannoo bal’aa qabna. Waa’ee akkaataa itti fayyadama sanyii filatamaa, waa’ee akkaataa itti fayyadama xaa’oo, waa’ee mala qotiinsaa wayyaa’ee fi kkf irraattis gorsootaa fi beekumsoota faayida qabeessa ta’aniif hojiirra ooluu danda’an ni kennina. Barnoota barbaachisoo ta’an fudhattanii akkaataa nyaatoota URJII guyya guyyaan argachuu ittiin dandeessan uumuun ni dandaa’ama. Sagantaalee marii kurnan waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti nyaatoota URJII akkamitti akka horsiisnuuf oomishnu ni baranna.
Galii argatanii bituu Dubartii Qaxalee Dammituu: Galatoomi Abdiisaa. Egaa haadha ulfaafis ta’e haadha harma
hoossiftuuf akkasumas daa’imman ji’a ja’aa hanga waggaa lamaa giidduu jiraniif, guyya guyyaan nyaatoota URJII akka argatan karaa ittiin goonu keessaa tokko gabaadhaa bitnee dhiheessuu dha. Omishoonni akka boqqolloo, qamadii, garbuu, xaafii, saliixii, shumburaa, dammaa, bunaa fi kkfn omishoota maatii keenyaaf galii gaarii nuuf argamsiisani. Oomishoota kana gurgurree qarshii argannu keessa hanga tokko nyaatoota URJII bituuf oolchuu ni dandeenya. Mee meeqan keenyatu oomisha qonnaa keenya gurguruun galii arganna? Maaloo mari’achiisa yeroo sagalee korree dhageessutti teepicha cufuun akksaan waliin mari’atan taassisi. Mariisaanii akka fixaniinis teepicha deebisii bani.
SFX: Sagalee Korree/bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Tole. Baga nagaan deebitan! Egaa hundi keessaniyyuu midhaanii
fi oomishoota qonnaa kan biroo gabaatti baastanii gurguruun galii argattu jedheen yaada. Akkuman kanaan dura ibse galii kanarraa qarshii hanga tokko bittaa nyaatoota URJII maatii keenyaarra oolchuu ni dandeenya. Sagantaalee marii keenya itti aanan keessatti haadhoolii fi daa’immaniif Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti nyaatoota URJII dabalataa bituuf galii dabalataa nu dandeessisuu hojii qonnaarra akkamitti argachuu akka dandeenyu ni baranna.
Qopheessuu, Tursuu fi Ol kaa’uu Dubartii Qaxalee Dammituu: Sila yeroo isin mari’achaa turtanitti Abdiisaaan seena nama
kolfisiisu tokko natti himaa ture. Mee Abdiisaa isaanittis itti himi. Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Tole Dammituukoo. Seenaan kun seenaa dhugaa gaaf tokko
galgala mana hiraayaakootii tokkotti ta’e. Akkuma yeroo hundaa gaaf tokko galagala mana hiraayaakootii kanatti maatiin hundi irbaataa walii wajjin nyaachuuf taa’anii
14
1000 days
eegaa jiru. Haati manaas akkuma yeroo hallee hojiin itti baayyatee waan oolteef dadhabdee eega dukkanaa’ee booda ittoo bilcheessuuf ariitiidhaa olii gadi taattiruu eegalti. Abbaa manaanseetiif ijoolleensee sadanis irbaanni yeroo kanaan dura itti dhihaaturraa baayye boodatti hafuyyuu beelasaanii dandaa’anii obsaan eegaa jiru. Dhumarrattis ittoon shiroo hawwii guddaan eegamaa ture bilchaatee gemmoorraa bu’e. Shiroon kun baayyee ho’aa waan ta’eef dafee akka inni qabbanaa’uuf jecha qadaadasaa bantee lafa keessee dhiiste.
Kaatee gara gundoo buddeenaatti deemuun buddeen gabateerratti qopheessu yeroo iseen jalqabdutti fatteen alaa utaalaa akka tasaa mana seente tokko utaaltee ittoo akka qabbanaa’uuf banaatti dhiisame sana keessa cubulluq jette lixxe. Haati saalfii ishee eeggatu kana hinbeekne kunis buddeena gabeeteerratti sisirreesitee erga qopheessitee booda abbaa manaaseetiif ijoolleesee hawwiidhaan isee eeggataniif dhiheessiti. Maatichi aadaa nyaataan dura kadhata gochuu waan qabaniif hundisaanii ka’anii kadhata gochuu jalqabu. Akkuma abbaamanaansee nyaaticha eebbisee gadi taa’een fatteen sun ittoo keessaa utaaltee buddeenarratti dub jette. Hundumtisaanii baayyee na’ani; Haatni iyyasee gadilakkifte; daa’immanis naasuudhaan ennaa utaalan ittoo shiroo sana galagalchanii dhangalaasan. Wanta hin eegamneef nama naassisutu ta’e. Achii booda mucaan inni guddaan fatteesana suuta jedhee qabee rarraasee ala baasee gate. Haatni naasuudhaan gogdee hafte. Fatteen akkamiti ittoo keessa galuu akkannitti danda’e galuufii hin dandeenye ture. Xiqqoo turee garuu dubbichi ifa ta’eefi. Ittoon akka qabbanaa’uuf jettee banaa dhiistee akka turte yaadatte. Achii booda hundisaanii waanta uumame kanatti kolfuu jalqaban.
Ijjoolleen baayyee beeli’anii turani waan ta’eef ittoo shiroo hafe nyaachuu barbaadan. Abbaan isaanii garuu hin ta’u summaa’ina ykn faalama nyaataa fiduu danda’a jechuun akkasaan hin nyaanne dhorke. Ta’uyyuu hundisaani dubbikanaan kolfanii osoo hinxumurin haatni faffatoo gaarii isaaniif dhiheessite. Seenaan kun yeroon yaadadhu hunda nakolfisiisa. (Abdiisaaan xiqqoo ennaa kolfu dhagaa’ama)
Dubartii Qaxalee Dammituu: (kolfaa) Galtoomi Abdiisaa. Seenaan ati nuun qoodde kan nama kolfisiisuu ta’uyyuu, waan nu barsiisu tokkos qaba. Haatni ariitii keessa ittoo osoo hin qadaadin dhiisuusheetiin wanni itto lixe akka tasaa fattee ta’e male ilbiisota salphaatti hin mul’anne ykn tasiisa ituu ta’ee baayyee rakkisaa ture. Kanaafuu kanarraa wanti nuyi barannu nyaata qopheessuunii fi sirnaan qulqullinaan tursuun barumsa sirna nyaataa Guyyoota 1000 Jalqabaa keessaa tokko ta’usaa beekuu qabna.
Yeroo durii namoonni bakkaa bakkattii fi biyya tokkorraa biyya biraatti yeroo adeeman (imalan) yeroo dheeraa waan itti fudhatuuf dhangaa qabatanii adeemu turan. Kanaafuu, mala dhangaa fudhatanii karaa deeman ittiin qopheessanii fi osoo hin faalamin yeroo dheeraaf turu ittiin taassisan qabu turani. Sababoota adda addaatiin nyaatoota URJII yeroo barbaannutii argachuun rakkisaa ta’uu danda’a, kanaafuu Guuyyoota 1000 Jalqabaa keessatti guyya guyyaan nyaata madaallame argachuuf nyaata keenya akkamittii akka gaariiitti qopheessinuu fi osoo hin faalamin qulqullinaan mala ittiin tursinu barachuu ykn beekuutu nu barbaachisaa jechuu dha. Sagnataalee marii keenya itti aanan keessatti maloota kana kan barannu ta’a.
15
Aara Galfachuu, Waliin Qooduu fi Nyaachuu Dubartii Qaxalee Dammituu: Waanta hanga ammaatti baranne jechuunis nyaata madaalame
horsiisnees ta’e oomishnee, gurguree bitnee, qulqullinaan bilcheessinee fi akka inni ospoo hinfaalamin turu taassifnee waan hunda erga fixnee boodayyuu haadhonni ulfaa ykn haadhoonni harma hoossisan guyyaatti nyaatoota URJII gahaa ituu hin nyaatin hafuu danda’u.
Kanarratti waanti isin hubachuu qabdan dubartiin ulfaa tokko gadameessashee keessa daa’imni sanyii waan jiruuf, akkasumas dubartiin hoossiftus daa’ima biqiltuu waan harmashee hoossistuuf nyaatni isaan nyaatan isaanii fi daa’ima isaaniitiif oola ykn ammo nama lamaaf nyaatuu jechuu dha. Hojjetaa fayyaa waanan ta’eef hojiinkoo tokko haadhoonni ulfaa fi harma hoossisan nyaata dabalataa akkasaan nyaatan barsiisuu dha. Yeroo ammaammoo hojjettoonni ekisteenshii fayyaa manaa manatti socho’uunii fi haadhooli ulfaa fi harma hoossisan gara buufata fayyaatti dhufaniif akkasaan nyaata dabalataa nyaataniif tajaajila gorsaa kennu. Carraaqqii baayyee goonuyyuu dubartoonni baayyeen garuu nyaata dabalataa hin nyaatani. Bu’aansaa ituu hingaliniif hafee ykn gorsa ogeessota akka keenyaa ituu hin dhaga’in hafanii miti. Nyaata dabalataa nyaachuun maaliif akkanni gargaaru sirriitti beeku. Nyaachuu baachuusaniitiif wantoota tarii sababa ta’uu danda’an adda addaa tarreessuun ni dandandaa’ama.
Egaa baayyeen keessan akkuma beektan dubartiin tokko yeroo ji’aoota ulfaa’inasee jalqabaa keessatti miira lollojii fi balaqqamsiisatu irra gaha. Mallatoon kun yeroo baayyee dubartoonni ulfaa’uusaanii kan ittiin beekani. Itti aanuunis akaakuu nyaatotaa tokko tokkoo fi foolii nyaatota tokko tokkoo jibbuu jalqabna. Haadhonni tokko tokkommoo yeroo ji’oota dhumaa yeroo ullfaa isaanii keessa daa’imichi furdatee booda da’uuf bayyee nurakkisa soda jedhuun, nyaata gahaa hinnyaatani. Haadhonni ulfaa fi harma hoossisan kan biroon ammoo osoo beela’ani ofittoo ta’anii akka hin mul’anneef jecha nyaata madaalamaa barbaachisu haala gahaa ta’een hinsooratani.
Haadhonni warri kaanimmoo abbootii manaasaaniitii fi misiinsoota maatii kan birootiif dursa kennuun, nyaata barbaachisuun osoo hin nyaatin hafu. Yeroo qofaasaanii mana oolanittis dubartiin qobaasee teessee nyaachuun aadaa biyya keenyaa keessatti seedaa nama leeyyaassisu waan ta’eef, nyaata hin nyaatani. Haadhonni ulfaa fi harma hoossisan tokko tokko hojiin waan itti baayyatuuf ofiisaaniis ta’e daa’immansaanii nyaachisuuf yeroo gahaa hin qabani. Haadhooliin kun guyyaa guutuu hojii qonnaa fi dalagaa mana keessaatiin qabamanii waan oolaniif offiisaaniitiif nyaachuu, haala gahaa ta’een aara galfachuu fi daa’immansaanii sooruuf yeroo gahaa hinqabani. Egaa akkuma dhageessanitti altokko tokko haadhonni nyaata dabalataa akka nyaatan gochuun rakkisaa dha.
Rakkinoonni kun rakkinoota dhugumaa haadhoolii ulfaa fi harma hoossisanii fi maatiilee isaanii guyya guyyaan mudatani. Rakkinoota kana qolachuu akka dandeenyuuf maatiileen keenya shoora olaanaa taphatu. Sagantaalee marii keenya itti aanan keessatti irraatti mari’anna; akkamitti rakkinoota kana furuu akka dandeenyu
16
irrattis barumasa fudhanna.
Sagantaa marii keenya kurnaffaa yeroo xumurrutti hundi keenya faayidaa nyaata madaallamee Guyyoota 1000 Jalqabaa hubachuun beekumsaa fi ogummaa daa’imman ciccimoo, fayya-qabeeyyii fi qareessa ta’an ittiin horachuu dandeenyu akka nuyi qabaannu amantii guutuudhaan dubbachuu nan danda’a. Waantin amma dubbadhe oduu gaarii isinitti hin fakkaatuu?
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Baayyee malee; mee harka rukutuun haa inbsinu.
SFX. Hundumtuu harka rukutu; sagaleen harka rukuttaa ni dhagaa’ama.
Waliin Mari’achuu fi Murteessuu Dubartii Qaxalee Dammituu: Michuuwwankoo, gaaffii tokkon qaba. Mee ilaalcha keessaniin
daa’immanii fi haadholiif karaan ykn malli tokkichi akkasaan sirna nyaataa madaallame argatan isaan taassisu maal isinitti fakkaata? Mee tapha gara deebii gaaffii kanaatti nudhiheessuu danda’u tokko haa taphannu. Dubbii keenyarratti taphoonni kun dhimmoota irratti mari’annu tokko tokko karaa salphaatti akka hubannuuf waan nu gargaaraniif baayyee natty tolu. Taphni kun Tapha Hibboo Kaardiilee Tartiibaan Naquu Guyyoota 1000 Jalqabaa jedhama. Ni jaallatu abdii jedhun qaba.
Seerri taphichaa aakasi. Mari’achiisa, mee maaloo hirmaattoonni garee afuritti akka qoodaman taassisi. Tokkoon tokkoon gareewwan kanaafis kaardiilee
Tapha Hibboo Kaardiilee Tartiibaan Naquu Guyyoota 1000 Jalqabaa keenniifi. Kaayyoon taphichaa kardiiwwan isinii kennaman tartiibaan naquun fakkii guutuu tokko akkasaan isinii kennan taassisuu dha. Wanti ifa hintaane yoo jiraate, Mari’achiisaan isin gidduu adeemuun isinii ibsa. Gaafa xumurtan akka kanaan duraatti deebi’aa taa’aa. Mari’achiisa, gareen hundumtuu miseensoota gareelee kanbirootiif taphicharraa maal akka barate akka inni ibsu taassisi. Yeroo ibsanittis gaaffiileen armaan gadii mariirra akka oolaniif haala mijeessiif.
• Kaardii sirreessitanii walbira naquun maal barattan?
• Waa’ee sadarkaalee guddinaa Abaaboo Suufiitiin waan walqabate argattanii?
Mari’achiisa taphichi hanga dhumutti teepicha cufi. Taphichaa fi maricha ennaa fixxanimmoo anaa wajjin walitti deebina. Gaafa taphichaa fi maricha fixxanitti, mari’achiisa, maaloo teepicha deebisii bani.
SFX: Sagalee Korree/ Bilbilaatu Dhagaa’ama Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga nagaa deebitan! Akkami? Hundi keessan tapha hibboo
kaardiilee Tarreessanii naquu Guyyoota 1000 Jalqabaa kana jallattaniittu jedheen abdadha. Sadarkaaleen ilaalchisuun Guddinaa daa’imaa Abaaboo Suufii jennee moggaasne sadarkaaleen guddinaa miciree irraa hanga waggaa lamaatti jiran walquunnamtii isaan qaban gaariitti nubarsiiseera jedheen yaada. Dabalataanis taphni kun daa’immaniif haadhooliif kaaraan ykn malli tokkichi akkasaan nyaata madaalame argatan taassisuuf gargaaru maali gaaffii jedhuuf deebii akka argannu nu
17
dandeessiseera. Waanhundaafuu deebiinsaa:- • Qabxiin guddaan taphicha keessatti barre tokko barbaachisummaa tokkummaa
maatii ti. Miseensi maati hundi haadhaa fi daa’imichaaf Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti nyaata madaalame akka argataniif gargaaruun gumaacha guddaa kennuu danda’a.
• Haalli maatii keessan keessa jiru maal fakkaata? Daa’immanii fi haadhonni nyaata madaallame Guyyoota 1000 Jalqabaa akka argataniif walgargaaruun jiraa? Yoo hin jiru ta’e akkamitti akka jiraatu gochuun dandaa’ama?
Haadhonni, abboonni, akkoowwanii fi firoonni dhihoo guddinaa fi dagaagina SANYII, BIQILTUU, KICHUU fi ABAABOO irratti shoora olaanaa taphatu. Deeggarsa maatiin ala, haadhoolii fi daa’imman Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti nyaatoota URJII gahoo akka argatanii fi gargaarsoota kan biroo akka argatan taassisuun rakkisaa dha.
Sagantaalee marii itti aanuun dhufan keessatti miseensoonni maatii armaan olitti tarreessine gumaacha akkamii gumachuu akkasaan dandaa’anii fi waa’ee nyaata madaalamee maatii keenyaa wajjin akkamitti mari’achuun akka nurra jiru tokko tokkoon baranna. Kanatti dabalataanis, dandeettii abbaa manaa keenyaa wajjin ifaan mari’achuu nu dandeessisuu fi waa’ee nyaata madaalamee irratti murtii barbaachisu kennuu nu dandeessisu baranna. Eyyeen, qabxiileen kun qabxiilee murteessoo daa’imman ciccimoo, fayya- qabeeyyii fi qareessa ta’an akka horannuuf nu fayyadani.
Egaa wanti nuyi waa’ee barbaachisummaa nyaata madaalame Guyyoota 1000 Jalqabaa hanga ammaatti dubbanne hundi firii akka godhatuuf milkaa’uuf abbaa manaa fi haati manaan waliigaluunii fi marii ifa ta’ee gochuun waanta baayyee barbaachisaa dha. Akkuman kanaan dura isinitti hime anaaf Abdiisaaa akkasumas maatiikeenya gidduu mariin gaarii waliif yaaduun guutame waan tureef hangam anaaf daa’immankoo akka gargaare maatiikoo akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeessu. Bilisaan walitti dubbachuunii fi waliigaluun matii hundakeenyaatiif ni fayyada. Sagantaalee marii itti aanan keessatti anaaf Abdiisaaan akkamitti marii bilisaa abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti akkasumas maatii guutuu gidduutti godhamuun murtiirra gahuu akka dandeessan muuxannoo keenya isiniin qoodna. Muuxannoo keenyarraa barattanii daa’imman fayya-qabeeyyii, ciccimoo fi qareessa jireenya milkaa’aa qabaatan horachuu akka dandeessan mirkaneeffattu.
Gafadhaa Ni Argattuu Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Egaa sagantaa marii keenya jalqabaa kana keessatti odeeffannoo
baayyee kaasneerra, gara xumura marii keenyaatis dhihaachaa jirra. Sagantaa marii keenya har’aa xumuruu keenyaan dura garuu tuqaalee hanga ammaatti baranneef irratti mari’anne irrattii waanti gaafachuu barbaaddan ykn waanti ifa isinii hintaane yoo jiraate akka gaaffatanan isin affeera. Michuunkoo mari’achiisaan gaaffiilee keessan har’a deebisuu yaala. Yoo ta’uubaate ammo sagantaa marii keenya isa ittaanurratti deebii qopheessinee isiniif deebisuu yaalla.
Mariachisa, mee maaloo teepicha cufiitii gaaffiileen yoo jiraatan irratti mari’adhaa. Tarii hirmaattoota keessaas gaaffiilee ka’aniif deebii kennuu nammoonni barbaadan
18
1000 days
jiraachuu danda’u waan ta’eef isaanifis carraa kenni. Gaaffiilee ka’an irratti mari’attanii ennaa xumurtan walitti deebina.
SFX: Sagalee Korree/bilbilaa Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Yeroo marii gaaffiif deebii gaarii qabbaattaniittu jedheen abdadha.
Sagantaalee marii keenya itti aananittis waan baayyee akka nuyi walirraa barannu amantaakooti.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Harra hanga dandeenyetti qabxiilee baayyee baranneerra ykn kaasuu yaalleerra. Guyyaa tokkotti waan hunda sammuutti qabachuun yoo ulfaateyyuu, waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa qabxiilee ijoo baranne hinirraanfattan abdii jedhun qaba. Mee qabxiilee ijoo gudguddoo ka’an wajjiniin irra deebi’uu haa yaallu. Abdiisaa maal sitti fakkaata?
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Yaada gaarii dha. Qabxiilee baranne keessaa tokko Guyyoonni 1000 Jalqabaa, jechuunis daa’imni tokko gadameessa haadhaa
keessatti uumamee dhalate hanga waggaa lama guututti yeroo jiru, Abaaboo Suufiitti fakkeessinee (sanyii, biqilaa, kichuu fi abaaboo) fayyaa fi guddina sirrii haadha ulfaa fi daa’imaatiif yeroo kanatti sirna nyaataa madaalamee qabaachuun baayyee barbaachisaa ta’usaa baranneerra.
Qabxii ijoon inni lammaffaammoo isa waa’ee gemmoo baranne. Dheeleen buddeenichaa nyaatoota yeroo hundaa ykn guyya guyyaan nyaataman bakka bu’a. Akaakuulee nyaatoota URJII gemmootti fakkeessines baranneerra. Gemmoo diimaan akaakuulee nyaataa bineensootarraa argannu yoo ta’u nyaatoota abbaa URJII sadii jedhamu. Gemmoo magariisi saamawwaa jelatti argitanimmoo baaloota magariisaa fi kuduraalee ykn nyaatoota abbaa URJII lamaa ta’an bakka bu’a. Gemoo keelloon fuduraalee kan bakka bu’u yoo ta’u nyaata abbaa URJII lamaa jedhama. Sirna nyaataa daa’immaniif garuu gemmooleen sadan: tokkoffaan gemmoo diimaa akaakuulee nyaataa bineensootarraa argamaniif abbaa URJII sadii ta’an yoo bakka bu’u inni magariisaa kuduraalee fi fuduraalee abba URJII lamaa ta’an bakka bu’a. Gemmoon keelloo sirna nyaataa daa’immanii keessatti nyaatoota coomaa fi zayitaa jechuunis nyaatoota abbaa URJII tokkoo ta’an bakka bu’a.
Haadhni ulfaa fi harma hoossiftu akkasumas daa’imoonni ji’a ja’aa hanga waggaa lamaatti jiran guyya guyyaan nyaatoota URJII akkasaan argatan gochuuf maloota dandeessisan:
Tokko:- Nyaatoota URJII horsiisuu fi oomishuu Lama:- Galii oomisha qonnaa keenya gabaatti gurgurree argannurraa hanga tokko bittaa
nyaatoota URJIItiif oolchuu Sadi:- Nyaatoota urjii sirritti qulqullaa’inaan qopheessuu fi osoo hin faalamin yeroo
dheeraaf akka turan taassisuu qabna Afur:- Haadhonni ulfaa fi harma hoossisan aara galfii gahaa akka argatanii fi nyaata
dabalataa akka nyaataniif gargaaruu Shan:- Hunda caalaammoo waa’ee Sirna nyaata madaalame haadhoolii fi daa’immanii
Guyyoota 1000 Jalqabaa ilaalchisuun abbaa manaa fi haati manaan akkasumas maatiin hundi ifaan mari’chuu fi murti gamtaa irra gahuu akka qaban baranneerra.
19
Gilgaalootaa fi Meeshaalee deeggarsaa gara manaatti fudhatatanii deemtan Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Eeeyyeen waliigaltee abbaa manaaf haadhamanaa! Guyyoota 1000
Jalqabaa keessatti maal gochuu akka danda’an harraa ka’anii waliin mari’achuu qabu.
Sagantaa marii keenya jalqabaa kana keessatti qabxiilee barannee akka nuti yaadannuuf akka nugargaaraniif yaadannoowwan gara mana keessaniitti fudhattanii deemtan qopheessineerra. Manattis waa’ee karoora sirna nyaataa madaalamee Guyyooya 1000 Jalqabaa matiilee keessanii wajjiniin akka irratti haasoftanii fi mari’attan waanta barattanis akka qooddaniif nan abdadha. Meeshaaleen yaadannoo kun Qabaa furtuu ibsa fakkii qabuu fi poostaroota keenyan manaa irratti maxxanfaman waa’ee barnoota karoora nyaata madaalame Guyyoota 1000 Jalqabaa isin yaadachiisaani.
Mari’achiisa, maaloo meeshaalee yaadannoo kana hirmaattootaaf hiriiti akkaataa isaan ittiin fayyadaman ibsiifi. Mee yeroo xiqoo fudhadhaatii ilaalaa.
SFX: Sagalee Korree/bilbilaatu dhagaa’ama Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Baga nagaan deebitan. Qabaa furtuu ibsa fakkii qabuu fi
poostaroota ilaaltanii? Gara mana keessanii yeroo deemtanitti abba manaa keessanitti, mattii keessanii fi michuuwwan keessanitti agarsiistanii irraa barattu jedheen abdadha. Keessumaayyuu fakkiilee qabaa furtuchaarra jiran sadarkaa guddinaa abaaboo suufii Guyyoota 1000 Jalqabaa isin yaadachiisuuf fakkeenya sanyii, biqiltuu, kichuu fi abbaabootiin isinii dhihaataniiru. Haasaa keenya kessatti poostaroota isinii kennine keenyan mana keessaniitti maxxansaa. Waanti isin irraanfachuu hinqabne kan biraan haadhni ulfaa fi harma hoossiftu akkasumas daa’imman ji’a ja’aa hanga waggaa lamaatti jiran nyaatoota URJII guyya guyyaan nyaachuu qabaachuusaaniiti.
SFX: Faaruun Waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa dhagaa’amuu eegala Dubartii Qaxalee Dammituu: Faaruun kana waanan beeku natti fakkaate, eeyeen, faaruu
guyyoota 100 jalqabaati. Sagantaa marii keenya jalqabaa kana faaruu bareedaa kanaan yoo xumurre maal isinitti fakkaata?
Xumuruu fi Nagaatti waliin jechuu Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Baayyee gaarii! Walirraa adda ba’uu keenyaan dura mee hundikeenya
irra deebiin altokko walduukkaa haa faarfannu.
SFX: Faaruun Waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa ni dhagaa’ama Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Dammituu, asirratti yoo xumurre maal sitti fakkaata Dubartii Qaxalee Dammituu: Baayyee gaarii! Egaa sagantaa marii keenya jalqabaa kanarratti
waan baayyee baranneerra, baayyees natti toleera.
Sagantaa keenya lammmaffaatiin hanga walitti deebinutti baayyee dharra’eera.
Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa: Mari’achiisa, sagantaan keenya itti aanu yoom akka ta’e maaloo itti nuuf himi. Sagantaa marii itti aanuun hanga walitti deebinutti nagaatti.
Dubartii qaxalee Dammituu: Nagaatti.
Duraandursee marii hawaasaa gabbataa isa lamaffaatti baga nagaan dhuftan. Ministeera Eegumsa Fayyaatti Hoogganaan garee sirna nyaataa obbo Biraaraa Mallasee hasaa isaan godhanirraa akka dhageessanitti nyaata madaallame argachuu dhabuuun haadhotaa fi qancaruun daa’immanii rakkoo guddaa biyya keenyaa ta’uusaa hubanneerra. Dhimma kanarrattis sagantaalee marii kudhan qabiyyeelee barbaachisoo sirna nyaataa haadhoolee fi daa’immanii guyyoota 1000 jalqabaa irratti xiyyeeeffatan isiniif qopheessineerra. Beekumsaa fi ogummaalee mariilee kanarraa argattaniin ijoollee ciiccimoo, fayyaqabeeyyii ta’anii fi qarooma sammuu qabaatanii jireenya gaarii milkaa’inaan guutame qabaatan horachuu dandeessu. Kaayyoon keenyas kanuma.
Ani Dubartii Qaxalee Dammituun jedhama. Ani mari’achiistuu sagalee keessani. Kanaafuu sagaleekoo ykn sagalee abbaamanaakoo Hojjetaa Misoomaa Abdiisaa yeroo tokko tokko, sagalee mari’achiisaa qaamaan isan bira jiruu ammoo yeroo biraa ni dhegeessuu. Gidduu gidduuttii hojiileen ykn gilgaaloonni garee fi mariileen yeroo jiraatanitti, mari’achiisaan qamaan isin bira jiru teeppii cufee isin hojjechiisa. Mar’achiisaan kun akkatti isin hojjettan isinitti agarsiisuun isin gargaara. Korree ykn bilbila kana yoo dhageessanii (sagalee korree) yeroon teeppiin itti cufamu ga’eeraa jechuudha. Yeroo gilgaalli ykn mariin raawwatu mari’achiisaan isin bira jiru teeppii deebisee bana; anis isiniin mari’achuukoon itti fufa.
Mee altokko haa yaallu! Yeroo sagalee korree ykn bilbilaa dhageessanitti, mari’achiisa maaloo teepicha cufi. Amma namoonni argamtan hundi mari’achiisaa irraa eegaluun maqaa keessan caqasuun walofbeeksisaa. Walofbeeksisuu keessan gaafa fixxanitti, mari’achiisa maaloo teepicha deebisii bani.
Sagalee Korree/bilbilaa
Goolabbii sagantaa Marii Darbee Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga nagaan deebitanii dhuftan. Miseensoota garee keessan
keessa jiranii wajji walbaraa jirtu jedheen abdadha. Mata duree har’aa jalqabuu keenyaan dura, mee qabxiilee sagantaa marii darbe irratti kaasne irra deebiin haa ilaallu.
Daa’imman keenya ciccimoo, fayya qabeeyyii fi qareeyyii ta’anii akka guddataniif Guyyoota 1000 Jalqabaa keessatti waanta nuyi gochuun nurraa eegamu ilaalchisuun sagantaa marii jalqabaa keenya keessatti wanta nuyi baranne ni yaadattu jedheen abdadha. Mee Guyyootni 1000 Jalqabaa waa’ee maalii akka isaan ta’an eenyutu nu yaadachiisa? Meeqan keessantu yaada Abaaboo Suufii Guyyoota 1000 Jalqabaa yaadata. – Sadarkaalee SANYII, BIQILTUU, KICHUU fi ABAABOO.
Mari’achiisa maaloo hundasaaniitti suuraa sadarkaalee Abaaboo Suufii filipichaartii keerraa itti agarsiisi. Akka hundi isaanii ilaalan godhiitii hirmaattoonni tokko tokko fedhiidhaan ka’anii akka isaan sadarkaa tokko tokko ibsan taassisi. Hirmaattoonni
22
1000 days
fedhiin ka’an sadarkaalee Abaaboo Suufii hunda inbsanii yeroo xumuran teepicha deebisii bani.
Sagalee Korree (Bilbilaa)
Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga nagaan deebitan! Hundi keessan Guyyootni1000 Jalqabaa maal akka ta’an irra-deebi’iin xinxaluun marii gaarii tassiftaniittu jedheen abdadha. Guuyyootni 1000 jalqabaa yeroo ulfaa’uu irraa jalqabanii hanga daa’imni dhalatee waggaa lama guututti turu.
Guyyootni 1000 Jalqabaa sadarkaalee Abaaboo Suufii afur qabu: SANYII, BIQILTUU, KICHUU fi ABAABOO. Tokkoon tokkoon sadarkaalee kanaa keessatti, wantoota maatiin kamiyyuu -iyyeessa ta’anis sooressa ta’anis ykn badiyyaa jiraatanis magaalaa jiraatanis- daa’imaa fi haadhni sirna nyaataa madaallamaa gaarii akka qabaatan taassisuuf gochuu qabantu jira. Guyyootni 1000 Jalqabaa maatiilee ykn warra ijoolleef carraa gaarii isaan jalqabbii jireenyaa fayya-qabeessa ta’e daa’immansaaniif ittiin mirkaneessani.
Marii keenya jalqabaa keessatti faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaas dhageenyee baranneerra. Faarichas abbaa manaa keessan, ijoollee gudguddoo keessanii fi miseensootaa maatii keessan kanbiroo barsiisuu akka yaaltan gaafatamtanii turtan. Hundi keessan kana gootaniittu abdii jedhun qaba. .
Mari’achiisa maloo lakkoofsa namoota tokkoon tokkoon gaaffiilee armaan gadiif harka kaasanii galmeessi.
• Meeqan keessantuu Faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa mana keessanitti faarfate?
• Poostarii Keenyan manaa Guyyoota 1000 Jalqabaa fi Qabduu (foncaa)
furtuu Suuraalee waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa Yadachiisan qabuhoo? Meeqan keessantu kana lachan matiilee keessanitti manatti agarsiiftani? Meeqan keessantu akkataa Qabduu ykn Foncaa Furtuu Suuraalee Waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa Yadachiisanitti fayyadaman Abbaa manaa
keessanii fi miseensoota mattii keessanitti agarsiise? Meeqan keessantu Poostarii Keenyan manaa Guyyoota 1000 Jalqabaa keenyan manaa keessanirratti maxxanfate?
Dubartii Qaxalee Dammituu: Galatoomaa! Ammimmo mee yeroo xiqqoo fudhannee waa’ee muuxannoo keessanii haa dubbanu. Michuun keenya mari’achiisaan qaamaan isin bira jiru teepicha cufee marii waa’ee muuxannoo keessanii akka taassiftaniif haala isinii mijeessa. Odeeffannoon waa’ee muuxannoo keessanii kun barbaachisaa waan ta’eef mari’achiisaan qaamaan isin bira jiru Uunkaa Gabaasaa irratti galmeessa. Gaaffiileen isin irratti mari’attan kanneen armaan gadii ti.
• Jalqabarratti, Baayyeen keessan gaafa baruulee fi meeshaalee adda addaa mana keessanitti fiddan itti agarsiiftan oduu gaarii waa’ee Guyyoota 1000
23
Jalqabaa maatii keessanitti himtaniittu jedheen amana. Miseensoonni maatii keessan yeroo isin wanneen kana ibsitaniif deebii akkami isinii kennani ykn maaltu itti dhagaa’ame?
• Lamaffaa, Gaafa waa’ee sadarkaalee Abaaboo Suufii afuranii ibsitaniifoo deebiin isaanii akkam ture? Dubbicha Hubataniiruu?
• Sadaffaa, akka maatiitti, sirna nyaataa haadhaa fi daa’imaa Guyyooto 1000
Jalqabaa fooyyessuuf murtii murteessitan ykn gochaa raawwattan qabduu?
Hundi keessan, gaafa gaaffiilee kanarratti waliin mari’attan maaloo muuxannoo keessan waljijjiiraa. Mari’achiisa, mee maaloo teepicha amma cufiitii mariisaanii si’eessi. Yeroo fixxanittimmoo, maaloo teepicha deebisii bani.
SFX: Sagalee Korree/Bilbilaa
Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga Nagaan Deebitan! Muuxannoo keessan namoota garichaa hundaan qooduu keessaniif galatoomaa. Hundi keessan waa’ee Faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa fi baruulee fi meeshaalee manatti fudhattanii galtan kan biroo irratti muuxxanoowwan gaarii garichaa waliin qooddan qabaattaniittu jedheen abdadha. Altokko tokko yaadoota haaraa irratti haasa’uu fi waliin qooduu irratti maatiilee keenya keesssa danqaaleen ni jiraatu. Gaarummaan garee akkanaa keessa jiraachuus namoota kan biroo haala danqaalee kana irra ittiin dabarru irratti yaadootaa fi maloota adda addaa nuuf kennan qabaachuu keenya.
Muraasni keessan danqaalee Suuraalee qabduu furtuu agarsiisuu, faaricha faarsuu, fi waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa maatiilee keessanii wajjin dubachuu irratti isin mudatan irratti muuxannoo keessan mee manichaan qoodaa? Warri gorsaa fi yaada qabdanimmoo maaloo warra waa’ee baruulee fi meeshaalee manatti fudhatanii galanii fi waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa irratti maatiisaanii waliin dubbachuu irratti danqaaleen mudateef yaada keessan qoodaa.
Sagalee Korree/Bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga Nagaan Deebitan! Warra waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa mana
keessan keessatti mari’achuurrati danqaaleen isin mudateef mari’achiisaan keenyaaf miseensoonni garichaa yaadootaa fi gorsoota muraasa isin gargaaran isinii kennaniiru jedheen abdadha. Yoo kun hin ta’in hafemmoo, mari’achiisaan keessan gaaffiilee keessaniif deebii isinii barbaaduu yaala ykn immoo gargaarsa dabalataa ogeessota irraa gaafachuun marii itti aannutti deebii isiniif fidee dhufa.
24
Ibsa Gabaabaa Yaadundeeww anii Dubartii Qaxalee Dammituu: Sagantaa marii lammaffaa keenya kana keessattii, waa’ee daa’ima
SANYII haasofna. Kunis daa’ima gadameessa keessa jiru. Mataduree kana keessatti waantoota haadhonni SANYII fi matiileen daa’imni SANYII kun mucaa cimaa, fayya- qabeessaa fi qarreetti ta’ee akka guddatuuf gochuun irraa eegamuu dubbanna. Yeroo Yeroo Ulfaatti haati daa’imaa lamaaf nyaachuu qabdi. Lamaaf nyaachuun haadha mucaa guddataa jiru gadameessa ishii keessaa qabdu ilaallata. Albuudonni nyaatoota URJII keessatti argaman haadhnii guyya guyyaan nyaattu ishii fi muchaa gadameessa ishii keessa jiru qallabu ykn sooru. Haati nyaata ga’aa hin nyaattu taanaanii fi ciminaa fi fayyummaa mataaseetiif albuudoota barbaachisan dhabdi taanaan, daa’imni gadameessasee keessaas sirriitti hin guddatu.
Lammaaf nyaachuurratti bal’inaan mari’achuu keenyaan dura, mee gartokkee faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa torban darbe dhageenye haa dhaggeeffannu:
SFX: Faaruu Guyyoota 1000 Jalqabaa: Walaloo SANYII Dubartii Qaxalee Dammituu: Haalaan qalbii itti keennittanii caqastaniittuu, keessumaayyuu
kutaa waa’ee SANYII fi haadhonni kunuunsii fi gargaarsi addaa daa’ima SANYIIf baayyee barbaachisaa ta’e ji’oota Yeroo Ulfaasanii hundattiyyuu akka isaaniif keennamuu qabu dubbatu? Haadhonni ulfaa lamaaf nyaachuusaanii yeroo hunda yaadadhaa, kanaafuu haadhootaaf nyaata madaallamaa nyaatoota
URJII of keessaa qabu nyaachuun baayyee barbaachisaa dha.
Ulfinni dubartoota ulfaa sirriitti sooramuu fi sooramuu dhiisuu isaanii madaaluuf agarsiisa ykn mallattoo gaarii dha. Dubartiin ulfi tokko ulfina qabaachuun irra jiruu gadi qabdi taanaan, daa’imni ishees sirna nyaataa dadhabaa fi hinmadaallamneen midhamaa jira jechuu dha. Dubartiin ulfaa ulfina barbaachisuu gadi qabdu balaan yeroo malee da’uu irra gahuu danda’a- kana jechuunis daa’imichi gadameessaa ala jiraachuuf guutummaan guutuutti gahaa osoo hinta’in dhalata jechuu dha. Mee haala dubartoota ulfaa biyya keenyaa haa ilaallu. Akka Qo’annoo Fayyaa Uummataa 2011tti,
o Dubartoota ulfa 4 Itiyoophiyaa keessaa 1 Siirriitti Kan hinsooratne!
o Dubartoota ulfaa 6 keessaa 1 dhibee hir’ina dhiigaa (anemia) kan qaban yoo ta’u, rakkina kana kan qaban 6 keessaa ammoo 1 qofaatu yeroo Yeroo Ulfaattii kiniinii ayiranii (iron foliate) fudhata.
o Kun dubartoota ulfaa keenyaaf oduu garii miti. Dubartoonni ulfaa keenya ulfina barbaachisaa ta’ee gadi akka isaan qabaatan hinbarbaadnu.
Sirni nyaataa gaariin dubartoota ulfaa keenyaafii daa’imman SANYII isaaniif baayyee barbaachisaa dha. Dubartoonni ulfaa lamaaf nyaatu, kanaafuu baayy’ina nyaataa isaan nyaatan dabaluu qabu- kan yeroo hunda nyaatan caalaa nyaachuu qabu. Dabalataanis dubartoonni ulfaa baay’ina nyaatoota URJII soorata altokkoo wajjin fudhatan dabaluu qabu.
25
1000 days
Dubartoonni ulfaa soorata altokko salphoo fi xiqqoo ta’an (ciree) ammas ammas guyyaa guutuu akka nyaataniif nyaatoota URJII dabalataa akka nyaatan baayyee gorsama. Dubartoonni ulfaa fi maatiileen isaanii baayyeen nyaatoota URJII ga’oo ta’an soorata isaanii kessatti argamsiisuurratti guufaatiilee akaakuu gara garaa baayyeetu isaan mudata. Kutaa marii kana keessatti, baayyina nyaataa dabaluu fi nyaatoota URJII dabalataa soorata isaaniitti ida’uurratti guufaatiilee bebbeekamoo dubartoota ulfaa fi maatiilee isaanii mudatan irratti ni mari’anna. Guufaatiilee kana keessaas muraasa isaanii akkammiin akka qoluu ykn injifachuu dandeenyus ni baranna.
Qorannoo ENGINE taassise irratti akka mul’atetti, dubartoonni ciree, laaqanaa fi irbaataan ala giddu gidduutti qophaa nyaachuunii fi miseensoota maatii kan biro caalaa nyaatoota caalaatti gaarii ta’an nyaachuun baayyee itti ulfaata. Kunis aadaadhaan dubartoonni mataasaanii caalaa miseensoota maatii biroof dursa kennuun gatii guddaa ykn sona qaba waan ta’eefi. Amantaan kun dubartoonni qofaa taa’anii nyaachuunii fi soorata waan maatiinsaanii nyaatan irraa adda ykn wayyaa ta’e nyaachuun akka isaan jibbisiisuuf suukanneessu taassisa.
Mee waa’ee yaada soorata dabalataa nyaachuu dubartii ulfaa irratti abbootiin manaa, haadhootiin manaa fi akkooleen jireenya dhugumaa keessa jiran waan isaan jedhan haa dhageeffanu.
(Sagaleewwan Taatootaa)
o Lakkii, Akkamiin kana gochuu dandeessi; hin dandaa’amu….Kanaafuu, nyaata addaa ofiisheetiif hin qopheessitu, nyaatni dabalataa iseedhaaf oolus hin jiru. Wanta maatiileen ishee nyaatanii fi qaban nyaatti. Baayyee namatti ulfaata, hindandaa’amus. (Akkoo, naannoo Oromiyaa irra)
o Wanti akkanaa hin jiru. Adda baasuu ykn nyaata haadha manaa ulfaa ofiif oolu kophaatti ol-kaa’uu ykn kuusuun Itiyoophiyaa keessatti aadaa miti… sababni isaas aadaa keenya keessatti waanta nuyi itti barre ykn wanta beekamu miti. …Waanta waliin hojjennee arganne waliin nyaachuu qabna. Ta’uyyuu waan tokko kenneefii qofaa nyaadhu yoon jedheeniyyuu tole jettee hin nyaattu. (Abbaa Manaa, Naannoo Tigraayirraa)
o Naannoo keenyatti, niitiileen ofiisaaniirra a b b o o t i i manaa isaaniitiif dursa kennu. Aannan abbaa manaasaaniitiif kennu. Haa ta’u malee amaloota ykn barmaatiilee akkanaa hinjaalladhu. Maliif yoo naanjettan ofiisaaniitiif kunuunsa sirrii akka isaan argachaa hinjirre ifatti argaan jira waanan ta’eefi. (Abbaa Manaa, naannoo SSUK irra)
o Nuti dhiironni nyaataa dubartoota harma hoossisaniif saayinsiin ajajurraa baayyee gadaaanaa ta’e kenninaafi … Guyyaatti si’a afur ykn Shan nyaatoota adda addaa nyaachuu qabu. Dhugaa dubbachuuf, yeroon isaan akkanatti nyaatan hin jiru. Kuni kutaalee hawaasichaa barnootaan qaroomaniiru jedhamaniifiyyuu dhugaa dha. Kunuunsa xinnoo dubartootaaf gochuullee yeroo dhihoo asi eegalle. (Abbaa Manaa, Naannoo Oromiya irraa)
26
Dubartii Qaxalee Dammituu: Kanneen armaan olitti dhageessan yaadoota dhugumaa namoonni qorannoo ENGINE irratti kennani, mee waanta isaan jedhan irratti yaadaaf muxannoo keessan waliin haa qoodnu.
Dubartii Qaxalee Dammituu: Mari’achiisa, maaloo teepicha cufiitii waa’ee yaadoota amma dhageenyee irratti akka isaan marii garee taassisan godhi, marii keessan keessatti gaaffiilee armaan gadii deebisuu yaalaa:
o Yaadootni kun gufaatiilee isin matii keessan keessatti mudachaa jirtanii wajjin walfakkaatuu?
o Isin keessaa maatiinsaanii gufaatii of caalaa maatiif dursa kennuu dubartootaa qolachuun dubartootni ulfaa isaanii lamaaf nyaachuuf akka onneeffachiisaman godhan jiruu? Deebiin keessaan ‘eeyyee’ yoo ta’e, maaloo muuxannoo keessan garichaan qoodaa
o Isin keessaa namni dubartii ulfaa nyaata dabalataa, nyaatoota URJII dabalataa, nyaahuu dandeesse ta’e ykn kan dandeesse beeku jiraa? Deebiin keessan ‘eeyyee’ yoo ta’e, maaloo muuxannoo keessan garichaan qoodaa?
Mari’achiisa, mariissiftee ennaa fixxuu, maaloo teepicha deebisii bani.
SFX: Sagalee Korree/bilbilaa Dubartii Qaxalee Dammituu: Baga Nagaan Deebitan! Hundumti keessan waa’ee gufaatiilee
dhugumaa dubartoonni ulfaa fi maatiileen isaanii dhimma of caalaa matiif dursa kennuu dubartootaa fi yeroo nyaataa maatiin ala nyaachuu dada’uubaachuu isaanii irraan kan ka’e dubartoonni ulfaa nyaata dabaltaaf caalmaa qabu nyaachuu diduu irratti mudatan ilaalchisuun marii gaarii taassiftaniittu jedheen abdadha.
Akkuman kanaan dura jedhe, yaadoonni isin dhageessan kun yaadoota namootni dhugumaa naannoolee biyyattii addaa addaa keessa jiran dubbatani. Tarii baayyeen keessan gufaatiileen walfakkaatan matiilee keessanirraa isin mudataniiru ykn ammoo maatii gufaatiileen akkanaa mudate ni beektu ta’a. Muraasni keessan akkaataa isinii fi maatiin keessan gufaatiilee kana ittiin moo’attan irratti yaada garichaaf qooduu dandeessaniittu abdii jedhun qaba. Maatiileen waliin nyaatu, niitii dubartii tokkoof ammoo gabataa maatii irratti warra isheen jaallattuu wajjin waliin nyaachuu caalaa wanti ishee gammachiisu hin jiru. Barbaachisummaa sona maatiin waliin nyaachuu ni hubanna. Dabalataanis, dubartoonni abbaa manaa isaaniif daa’imman isaaniif dursa kennu. Haa ta’u malee sonoonni aadaa kun dubartiin ulfaa nyaata dabalataa akka isheen hin nyaatneef dhiibbaa irraan gahu.
Akkuman kanaan dura ibse, dubartoonni ulfaa guyyaatti yoo xiqqaate soorata URJII-3 tokko nyaachuuf yaaluu qabu. Dubartoota danuuf kana gochuun, yoo maatiileen isaanii isaan deeggaran malee, baayyee itti ulfaata.
Dubartoonni ulfaa ofiisaaniif qofa osoo hinta’in daa’ima SANYII gadameessa isaanii keessa jiruuf guddinni qaamaaf sammuu isaa sirna nyaataa haadhaarratti mirkanaa’eefis akka isaan nyaatan yaadachuun baayyee barbaachisaa dha. Haatni ulfi gaariitti qallabamte jechuun carraan daa’imni ishee ittiin cimaa, fayya- qabeessaa fi sammuun qarree ittiin ta’uu danda’u baayyee olaanaa dhaa jechuu dha. Sababni
27
1000 days
isaas qallabni daa’imaa gadameessa keessatti waanta jalqabuufi. Akkuma sanyii biyyoo keessaa- daa’imni SANYIIn akka biqilee fi margee gara daa’ima BIQILTUUtti guddatuuf xaa’oo nyaata madallamee guddinasaaf barbaachisan argachuu fi kunuunfamuu qaba.
Dubartoonni ulfaa yeroolee soorataa maatiitti nyaata dabalataa nyaachuu fi yeroolee nyaataa idileetiin alattis giddu gidduudhaan xiqqoo xiqoo nyaachuu qabu. Kuni qofaasaanii soorata dabalataa nyaachuurra maatii wajjin taa’anii nyaata dabalataa soorachuu dubartoota filataniif furmaata gaarii dha. Wanti isaan qofaa nyaatan nyaata xixiqqoo akka ciree bunaatti ilaalamuu dandaa’an duwwaa waan ta’eef, hangas itti hin ulfaatu. Akka isaan lamaaf nyaatan mirkaneessuuf dubartoonni ulfaa abbootii manaasaanii fi miseensoota maatiitiin deeggaramuu fi baayyee onneefachiisamuu qabu.
Mee tapha waa’ee dubartii ulfaa Wayyituu jedhamtuu fi maatii ishee haa dhaggeeffannu.
KEESSA. Mana Hordofaa - GANAMA
Sagalee saahinii midhaan ittiin dhihaachaa jiru, sa’a marr’attuu fi lukkuulee kaakkisanii fi iyyan.
Sagalee balbala banamuu. HORDOFAA: Akkam bulte, Wayyitu? Ganama kana fayyankee akkami, injabaattaa? Beellama Bufata
Fayyaatti qabduuf deemuu qabna. WAYYITUU: Eyyee ni deemna dafnee. Fayyaankoos gaariidha, homaa hinjedhu. Mee buna si danfisee cirees sii qopheesseeraa, hangan qoqophaa’utti nyaachaa na
eegi. HORDOFAA: Naa yaaduu keetiifii galatoomi, Wayyituukoo. Bunakootiif aannan baayyee akka naaf
dhiheessiten arga. Aannanoo dhugdeettaa? WAYYITUU: Anaaf hin yaadda’in nyaadheeraa. Ati garuu garaa duwwaa manaa ba’uun sirra hinjiru. HORDOFAA: Maaliif akka ta’e hinbeekuu hedduu nyaachuukee nan shakka. Yoo nyaatteyyuu, mee
naa wajjin taa’ii aannan gaarii amma sa’arraa elmite kanarraa xiqoo dhugi. Daabboo kanarraas muraasa fudhadhuu nyaadhu.
WAYYITUU: (hafuura gadi baafattee kolfiti). Hordofa, yeroo hundaa akkan nyaadhuuf na dirqisiisaa jirta.
HORDOFAA: Akka narraa eegamuttan sikunuunsaa jira waan ta’eefikaa. Ofii keetiif duwwaa nyaachaa hinjirtu, daa’ima sikeessa jiruufis malee. Kanaafuu yoo akkuma jette eega bari’ee nyaatteetta ta’eyyuu maaloo kottuu naawajjin taa’ii nyaadhu.
WAYYITUU: Tole, gooftaakoo. Ha ta’u, Nan nyaadha. SFX: Sagalee buna buusamuu, nyaata nyaatamuu.
Scene 2 BUUFATA FAYYAA – IDDOO DABAREEN ITTI EEGAMU – GANAMA – Sagalee namoota oliigadi adeemanii
HORDOFAA: Yeroo baayy’ee bakka kanatti namni ni baayyata. Harra carra- qabeeyyii taaneerra, namni baayyeen hin jiru. Yeroo baayyee teenyee dabaree eeguun hin balleessinuu jechuudha. Anis dafee oyiruu ykn qonnaa kootti deebi’uun danda’a jechuudha.
28
1000 days
WAYYITUU: Beektaa Hordofa; yeroon bellama qabu hunda naa wajjin gara buufata fayyaatti dhufuu hinqabduum. Qobaakoo dhaquu nandanda’a. Ati gara hojii keetiitti deemuu dandeessa. Kun ulfaa’ina sadaffaakooti miti, maal gochuun akka narra jiru hin beeku seetee?
HORDOFAA: Dhufuun barbaada. Ulfaa’inni hundi mucaa haaraa dha waan ta’eef si bukkeetti argamuun hanga naa danda’ametti karaa kamiiniyyu sigargaaruun barbaada.
Sagalee kottee miila namaa dhihaachaa dhufu. H.F (Hojettuu Fayyaa): Aadde Wayyitu, akkam bultee, na duukka bu’ii kottu. WAYYITUU: Nagaa
Bultee, Surraane? HORDOFAA: Baayyee gaarii! Dabareen kee gahe kunoo. Asuma taa’een si eega.
Scene 3 KEESSA Buufata Fayyaa -GANAMA H.F SURRAANEE: Wayyitu, Guyyaa beellama qorannoo keetiirra osoo hindabarsin
dhufuukeetiin bayyee gammadeera. WAYYITUU: Yoon barbaadeyyuu irra darbuu hin danda’u, abbaan manaa koo tolee naan hin jedhu.
Yeroo hundumaa yoon sii wajjin dhufe malee jedhee naduukkaa dhufa. H.F SURRAANEE: Obbo Hordofaan nama gaarii dha. WAYYITUU: Dhugaa jette, isa argachuunkoo carraa guddaa dha. Waaqni na eebbiseera. H.F SURRAANEE: Tole, gidduu kana attamiree? Maaltu sitti dhagaa’ama? WAYYITUU: Lollojii fi
balaqamichi na dhiiseera. Amma baayyee natti wayyaa’eera. H.F SURRAANEE: Qoricha hir’ina dhiigaa kiniinii Ayiranii fi Fooliyeetii (Iron and Foliate)
sanahoo, galgala galgala yeroo hundaa rafuukeetiin dura osoo hinirraanfatin liqimsaa jirtaa?
ACHAM: Eeyyee! Eeyyee! Yoon ani irraanfadhellee abaa manaankoo osoo nahinyaadachiisin hafee hinbeeku.
H.F SURRAANEE: (Ni kolfiti) Obbo Hordofaan mootitti kanniisaa isaa deeggaruurratti hojii baayyee gaarii ta’e hojjechaa jira! Baayyee gaarii dha. Tole, ammammoo mee qorannoon sii godha. Ulfina kee, dhiibbaa dhiga keetii fi kanneen biroon madaala.
Sagalee Wayyituun miijanarrati ba’uu, sagalee H.Fayyaa baruulee ishii irrati barreesuu. H.F SURRAANEE (cont’d) (Yaadda’uudhaan): Wayyitu, Ulfinni kee natti hintolle. Ulfa ji’a shanii taatee
kiiloonkee yeroo darberaa hangamiyyuu hindaballe. WAYYITUU: Maaliif akka ta’e naa hingaluu, Tarii uumamumaanan qalloodha fakkaaata. H.F SURRAANEE: Lakki, isa miti. Daa’ima guddachaa jiru ofkeessaa qabda, kanaafuu ulfinni
kee dabaluu qaba. Gorsan sirna nyaataarratti yeroo darbe siif kenne hojiirra olchaa jirtaayi? Ni yaadattaa waanan si gorse?
WAYYITUU: Eeyyee, hanga tokko. Soorata koo yeroo hundaa nyaatoota URJII ati natti himte itti dabaluun jijjiireera.
H.F SURRAANEE:Gaarii, baayyina isaaniihoo dabalaa jirtaa? Walumaagalatti amma kanaan dura nyaattu caalaa nyaachaa jirtaa? Yeroo nyaataa maatiin ala nyaata dabalataa akka ati qobaatti nyaattu isan si gorsehoo, hojiirra oolchaa jirtaa?
WAYYITUU: Waa’eesaa waanan beeku hinqabu. Ani dubartii badiyya aadaashee kabajju. Nyaata baayyee qobaakoo taa’ee nyaachuun narra hinjiru. Ulfina ykn kabajaa koo eeguutu
29
1000 days
narra jira. Abbaa manaan kabajuu fi ijoollen jaalladhu laman qaba. Isaan namoota jireenya koo keessatti bakka guddaa qabani. Duraandursee maatiikoon nyaachisa. Kuni waanta niitiileen gaarii fi haadhonni gaarii hundi godhani. Kanaafuu, dhiifama naaf godhi, isaanirra adda ba’ee dhokadhee qofaakoo hinnyaadhu. Namni na argullee maal naan jedha?
H.F SURRAANEE:Wayyitu, waanta ati jettu nan kabaja, nan hubadhas. Garuu baayyistee nyaachuunii fi ciree, laaqanaa fi irbaataan ala giddu gidduutti nyaachuukeetiin ulfinni ykn kabajaan kee hintuqamu. Waantati yaadachuu qabduu amma nama lamaaf nyaachaa jiraachuukeeti. Fayyummaakeetii fi fayyumma daa’ima gadameessa kee keessa jiruuf jecha tole jette gorsa sirna nyaataa ani sitti hime hojiirra oolchuu qabda. Abbaan manaa keemmoo yaddookootti akkani waliigaluu nan amana.
WAYYITUU: H.F Surraane, akkati naaf yaaddu nan hubadha. Ta’uyyuu kuni ulfa sadaffaakooti. Maal gochaa akkan jiru waanan beeku natti fakkaata.
H.F SURRAANEE: Tole, Wayyitu, Hoodhu! Kuni beellamakee isa itti aanu. Mee altokko abbaa manaa kee naa waami.
Wayyituu: Abbaa manaakoomoo? Qonna deemuu qabaam. H.F SURRAANEE:Nanbeeka, Xiqqoo wajjin dubbachuun barbaada. WAYYITUU: Tole, nanwaama.
Baayyee galatoomi H. Fayyaa Surraane .
Sagalee kottee miillaa gaafa wayyituun gadi baatu; balballi banamee cufama;balballi ni rukutama
H.F SURRAANEE:Ol seenaa? HORDOFAA: Akkam oolte? H. Fayyaa Surraane, na haasofsiisu barbaaddaayi? H.F SURRAANEE:Eeyyee, Obbo Hordofa. Akka ati oyiruu keetti deebi’uuf jarjartu nan beeka,
kanaafuu gabaabseen sitti hima. HORDOFAA: Haati manaan koo maal taatee? Fayyaadhaa haati manaankoo? Daa’imnihoo? H.F SURRAANEE:Fayyaadha fayyaadha, lachansaaniiyyuu fayyaadha, hinyaadda’in. Duraandursee
deeggarsaa fi kunuunsa ati hadha manaakeetiif gootu bayyeen dinqissiifadha. Kanumaafan waa’ee sirna nyaataa ishee sii wajjin mari’achuuf ija jabeeffadhe.
HORDOFAA: Tole H.F SURRAANEE: Dubartiin tokko yeroo ulfooftu, sirni nyaataashee jijjiiramuu qaba.
Gadameessashee keessa daa’imni waan jiruuf nyaata caalaatti baayyina qabu nyaachuu, yeroolee nyaataan ala giddu gidduutti ammas ammas xiqqoo xiqqoo nyaachuu, nyaata dabalataa baayina qabu tokko guyyaatti altokko nyaachuu fi dabalataanis sooratashee keessattis nyatoota URJII jedhaman dabaluu qabdi.
HORDOFAA: Nyaatoonni URJII immoo maannii? H.F SURRAANEE: Nyaatoonni bineensota irraa argaman kanneen akka foon, lukkuu, aannan,
buphaa (hanqaaquu) fi kkfn nyaatoota URJII 3 ti, haadhaaf mucaan cimoo akka ta’aniif gargaaru.
Kuduraalee fi fuduraaleen waan albuudootaa fi vayitaaminoota guddina mijaa’aaf gargaaran qabaniif nyaatoota URJII lamaa jedhamu.
30
1000 days
HORDOFAA: Baayee gaarii! Kana hin beekun ture. Tole, mee rakkinni Wayyituu maal akka ta’e natti himi?
H.F SURRAANEE: Egaa Wayyituun gorsa kana hojiirra oolchaa hinjirtu. Nyaata dabalataa nyaachuun ofittummaa itti fakkaata. Nyaata dabalataa nyaachuufis ta’e giddu gidduun xinnoo xinnoo nyaachuuf tole jechuu diddeetti. Dubartoonni ofiisaaniitiin dura fedhii abbaa manaasaaniif daa’immansaanii guutuuf dursa kennuu qabu amantaa jedhu qabdi.
HORDOFAA: Nyaata gahaa nyaachaa hinjirtu naan jechaa jirta? H.F SURRAANEE: Eyyee, gahaa nyaachaa hinjirtu. Ulfinni ishees ulfina ulfi ji’a shanii qabaachuu
qabdu guutuu kan dadhabe kanaafi. Haala kanaan itti fufti taanaan fayyaaseetiif fayyaa daa’imaseetii irratti miidhaa fiduu danda’a.
HORDOFAA: (gadduuudhaan). Ani maal gochuun akka narra jiru maalan beekaa. Ani qotee bulaadha, hanga kutaa afurii duwwaattan baradhe. Carraa barumsaa ani dhabe ijoolleenkoo akka argataniif jechan taattira. Hangan danda’etti maatiikootiif waanta barbaachisuun hunda dhihessuufiin yaala. Isheenis kana beekti. Galata waaqayyoo hanqina nyaataa qabaannee hin beeknu. Kanaafuu, osoo hundi mana keessa jiruu nyaata gahaa nyaachuubaachuun ishee baayyee nagaddisiisa. Maalan gochuu danda’aa? Wanta barbaachisuun hunda mana keessaa qabdi. Mucaa xinnoo miti humnaan dirqisiisee hin ogaasu.
H.F SURRAANEE: Waanti ati jettu naagala. Waanta maatiin nyaatu caalaa nyaachuuniif guyyaa guutuu giddu gidduun xiqqoo xiqqoo nyaachuun sirnaan alaaf badii itti fakkaateeti. Waan ofittoo taate ta’ee itti dhagaa’ama. Kabajaadhuma siif qabdu agarsiisuusheeti.
HORDOFAA: Akkanatti mitikaa kaniiseen kabajaa naaf qabdu agarsiiftu. Ani takkaallee nyaata
dabalataa hin nyaatin jedhenii hinbeeku. Haati manaankoo dubartii gaarii taatuyyu morgoggummaa ykn mata jabeessummaa qabdi.
H.F SURRAANEE:Egaa anarra sirna nyaataa sirrii akka isheen hordoftuuf amansiisuuf situ carraa caalu qaba. Akkati gargaaruunii dandeessuufii, baruulee sirna nyataa isheen hordofu qabdu ibsu kanan sii kennaa, hoodhu.
HORDOFAA: Galatoomi H.F Surraane! H.F SURRAANEE: Tole, nagaatti. 4 KEESSA. MANA HORDOFAA – GANAMA
Sgalee mar’achuu saawwanii, kaakkisuu lukkuu fi iyya kormaa handaaqqoo.
WAYYITUU: Maaliif yaadakee jijjiirtee bakka qonnaa deemuu dhiistee naa wajjiin manatti deebite naaf hin galle. Karaarratti jecha tokkollee natti hindubbanne. HORDOFAA: Hojjedhu hojjedhu naan hinjenne harra.
WAYYITUU: Akka ati nati gaddite fuula keerraa mul’ata. Waanan balleessen qabaayi? HORDOFAA: (aariidhaan) Maatii keenyaaf nyaata gahaa hin dhiheessuyii ani? Mana keenya keessatti
hanqinni nyaataa si mudatee beekaa? WAYYITUU: Ati qotee-bulaa cimaa dha. Nyaatas kan nu gahu caalaa qabna. Waanumtinan natti
hirr’ate jedhu tokkollee hin jiru. HORDOFAA: Maaliifan akka nama haadhamanaasaa sooruu dadhabeetti fuula namaa duratti
salphadharee? Kun akkam akka nama yeellaassisuuuf nama duratti nam salphisu beektaa?
WAYYITUU: Midhaan na dhoowwatte hin jenne, jedhees hin beeku; akkuma nama hundaan nyaata idilee nyaadha jedheen H.Fayyaa Surraaneetti hime malee.
31
1000 days
HORDOFAA: Ani siif daa’imman keenyaaf jecha baayyeen jabaadhee hojjechaa jira. Garuu atiif daa’imni kee waanati sirna nyaataa salphaa kana hojiirra oolchuu diddeef fayya dhabeessa yoo taatan dhamaatiinkoof jabaadhee hojjechuunkoo gatii malii qabaa? Maatii keenya irratti gocha akkanaa maaliif raawwatta? Isa dhugaa baayyeen sitti gadde.
WAYYITUU: (boo’aa) Akkas gadditeef jeeqamtee si argee hinbeeku. Si gaddisiiseera taanaan dhiifama naaf godhi. Niitiinii fi haadhni dhirsaaf daa’immansheetiif of wareeguu qabdi jedhee waanuman yaduufi. Siinis akkana gochuunkoo si gammachiisa jedheen yaadan ture.
HORDOFAA: Lakkii, tasumayyuu na hingammachiisu. Keessumaayyuu fayyaa daa’ima keenyaa kan miidhu ta’a taanaan. Kan duraan nyaattu caalaa nyaachuu qabda, maliif yoo jette yeroo kan biraa caalaa amma ulfa taatee baayyee beelofta. Hangan galgala bakka qonnaa keenyarraa galutti hin nyaattu taanaan maal waan natti dhagaa’amu sitti fakkaata?
WAYYITUU: Innigaa akkan itti gudhadhe. Haarmeenkoos akkana gochaa turte, harmeen harmeekootiis, hundumtisaaniiyyuu akkanuma godhu.
HORDOFAA: Isaan waan hinbeekneefi, wallaalummaadhaani. Ati garuu, galatni H. Fayyaa Surraaneetiif haa ta’u, beekumsa ga’a qabda.
WAYYITUU: Ani hinbeeku waansaa, ta’uyyuu garuu…ta’uyyuu… HORDOFAA: Ta’uyyuu…ta’uyyuu maanni? Yeroon nyaachuukee sigaafadhu hunda kallattii haasaa
kootii jijjiirtee naharkraa miliqxa. Miijanni buufata fayyaa garuu soba hin beeku, dhugaa baase.
WAYYITUU: Ta’uyyuu garuu… (mamaa fi hafuura baafachaa) Midhaan mana keessa jiru baayyee xiqqoodha. Daa’imman qallabuu fi siif waanta ati nyaattu sii dhiheessuuf duwwaa waanta gahutu jira. Daa’imman keenya barumsasaaniitti cimoo akka ta’aniif nyaata gahaa argachuu qabu. Atis oyiruu keenyarratti jabaattee hojjechuuf nyaachuu qabda. Egaa maal gochuutu narra jiraa, akka booyyee nyaachuun qabaa? Akka nama ofittoo maatiikoorraa adda ba’ee qobaa koo nyaachuutu narra jiraa?
HORDOFAA: Tole, edaa akkanaa… (hafuura gadi baafata). Haa ta’uu, yaadnikee naafgaleera. Nyaatni gahaan siif oolu manakeenya keessa hinjiru. Kana jechuunimmoo anis qotee bulaa cimaa maatiisaa quubsee bulchuu danda’e mitii jechuudha (hafuura dheeraa gadi baafata).
WAYYITUU: Hanga dandeesse gochaa jirta. Tarii garuu… BELETE: Tarii maal? Yaada qabdaa? WAYYITUU: Eeyyee, Yaada qaba. Dhugaadhumatti yaadoota baayyeen qaba.
(Mamaa) Waa’ee qonna nuti hojjennuu fi galii irraa argannuu yaadaan ture… Ani… iddoo….iddoo horiin nuyi irraa argannu lixu hinbeeku. (mamaa) Tarii horiin kun caalmaansaa waan biraarra nyaata keenya bituuf ooluu danda’a jedheen yaadaa ture. Tarii ji’a ji’aan bittaa nyaataaf qarshii hanga tokko ramaduu dandeenya. Yookaan immoo daldaltoota maamila nugodhatanii nyaatoota nuti barbaadnu gatii gaariidhaan yeroo hunda nutti gurguran argachuu dandeenya ta’a. Yookiin immoo oomisha keenya hunda gurguruurra nyaatoota muraasaa ofii keenyaaf manatti hambisnee nyaachuuf qotuu qabna. Yookiin immo ani akkuma wayiitiin hojii wayii hojjedhee galii dabalataa
32
1000 days
fiduun si gargaaruun danda’a ta’a. Ani hin beekuu garuu. Kunnen gaa yaadootuma xixiqqoo sammuukoo keessa dhufani.
HORDOFAA: Yaadootni ati kaaste kun yaadoota xixiqqoo natti hinfakkaatani. Anaaf yaadoota guguddoo jireenya keenya jijjiiruu danda’an ta’anii natti mul’atu, Wayyitu. Kanaan dura tokkoonsaaniiyyuu maaliif ituu natti hinhimin haftee?
WAYYITUU: Egaa, abbaa manaa fi bulchaan mana keenyaa si’i, Baasii fi galii keenya situ hooggana. Waa’ee wantoota kanaa waanan sicaalaa beeku fakkaachuu hinbarbaadu.
HORDOFAA: Wayyitu sammuu tokkorra lamatu wayya jechuu hindhageenyee. Akkaataa galii qonnaa keenyaa irraa horii nyaata dabalataa ittiin bitnu ittiin argannu ykn waantoota sii fi daa’imman keenyaaf oolan dhaabuu ykn qotuu dandeenyu irratti yaada qabda taanaan, mee irratti haa mari’annu. Anis yaadoota kanbiroo qabaachuunkoo hinhafu. Sammuu tokkorra lamatu wayya. Duraandursee garuu waa’ee baasiiwwan ani hoogganu hundaa sitti himuutu narra jira: sanyii filatamaa, xaa’oo, qaraxa, kiraa, kaffaltii mana barumsaa fi kitaabaa, baasii geejjibaa fi kkf. (Hafuura gadi baafata). Dhugaa sitti himuuf galii fi baasii mana
WAYYITUU: Egaa akkuma ati jette sammuu tokkorra lamatu caala. Akkaataa ati amma yoonaatti ittiin galiif baasii ykn baajata keenya hoogganaa turte yoo natti himtegaa tarii karaa wayiitiin sigargaaruun danda’a ta’a.
HORDOFAA: Eeyyee Wayyitu, nagargaarta ta’agaa. Rakkinoota horii kana sii wajjin haasa’uunii fi akkaataa nuyi ittiin hoogganuu dandeenyurratti gargaarsa kee argachuun anaaf boqonnaa sammuu guddaa naaf kenna.
Waaantan amanu tokkoo, sooratni ati nyaachuun sirra jiru dursa argachuu qaba. Duraan dursanii of eeguudha malee, eega balaan nurra gahee booda gabbuun bu’aa hinqabu, Wayyituu. Waliin taanee baajata mana keenya ilaallee akkaataa itti baasii keenyarratti jijjiirama tokko tokko goonee nyaata dabalataa siif bituu dandeenyu irratti mala dhahuu dandeenya. Matii keenyaafis akkaataa ittiin gosoolee nyaataa tokko tokko dhaabnee qallaba keenyaaf oolchuu dandeenyurratis ni mari’anna. Waa’ee kanaa Hojetaa Eksteenshinii Qonaa
wajjiniin mari’achuu nan danda’a. Atisimmoo dubbii lamaaf nyaachuu kana haalaan jabeessitee hojiirra oolchuu qabda. Nyaata dabalataa sana sii dhiheessuu yeroo dandeenyuttis qobaa nyaachuun si jibbisiisuu hinqabu.
WAYYITUU: Dhimma kanaaf iddoo kennitee akkana itti yaaddofta jedhee yaadee hin beeku. Dubbii kanarratti waliin mari’achuun keenya waan baayyee ifa waan naaf godheef na gammachiiseera. Amma waanti atiif H.F. Surraaneen natti himaa turtan naa galeera. Jijjiirama fiduu nan fedha, garuu, beekta gaa, amalli namarra ture salphaatti nama hingadhiisu.
HORDOFAA: Anis walitti dubachuun keenya kun nagammachiiseera. Sooratni sirriin siif daa’ima keetiif hangam barbaachisaa akka ta’e hubachuukeetti baayyee gammadeera. Waa’ee jiijjiiramichaatiif badaa hincinqamin. Akkati qofaa keef duwwaa osoo hinta’in daa’ima gadameessa kee keessa jiruufis nyaachaa jirtu duwwaa ofi amansiisi. Yeroo hunda nama lamaaf nyaachuukee ni yaadatta yoo ta’ee, waan ofittoo taate sitti fakkaatee sihinjibbisiisu. Nyaata dabalataa ni nyaatta, giddu gidduunis xiqqoo xiqqoo hangan
33
bakka qonnaa irraa deebi’utti nyaatoota URJII nyaachuun sirra jiru nyaachaa oolta. Si duwwaa miti anis jijjiiramuun qaba. Haallin baajata mana keenyaa qobaakoo hogganaa fi akkaataa qarshii argannetti ittiin fayyadamnurraatti murtiin qobaakoo osoon yaadakee hinfudhatin murteessaa ture jijjiiramuu qaba. Harra qofaayyuu yaada baayyee barbaachisoo ta’an sirraa hargadheera. Kana booda egaa dhimma qarshiirratti sii wajjin mari’achuun jalqaba. Waliin mari’anne akkataa galii keenyatti sirriittti itti fayyadamnurratti waliin murteessina, keessummaayyuu akkaataa nyaata dabalataa siif bituu ittiin dandeenyu irratti. Atis amala kee jijjiiri, Wayyitu, anis kan koo nanjijjiiraa. Walii wajjiniin haala atiif daa’imni kee nyaata isin barbaahisu ittiin argachuu dandeessan mijeessina.
WAYYITUU: Baayyee galatoomi Hordofaakoo. Amma gammachuu guddaatu natti dhagaa’amaa jira. Bellama koo itti aanutti yeroo ulfina koo madaaltu H.F. Surraaneen baayy’ee gammaddi jedheen yaada.
HORDOFAA: (kolfaa) Gaafa ulfinni kee akka meeqa ta’e ilaaltu gammachuudhaan utaaluunsheeyyuu hinhafu!
WAYYITUU: (kolf